WBOn Godina Dhiha Oromiyaa Tarkaanfii Humna Diinaa Irratti Fudhatu Itti fufeera

1
92

WBOn Godina Dhiha Oromiyaa Tarkaanfii Humna Diinaa Irratti Fudhatu Itti fufeera.

(SBO/VOL – Bitootessa 18,2018) Gootichi WBO Godina Dhihaa Lixa Wallaggaa keessatti Bitootessa 18,2018 guyyaa har’aa waraana wayyaanee ORALii lamaan deemaa ture irratti tarkaanfii boonsaa fudhatuun diina irraan kasaaraa guddaa geessissee jira.

Oduun SBO dhaqqabe akka ifa godhutti WBOn Godina Dhihaa har’a ganama Bitootessa 18,2018 Lixa Wallaggaa Gidaamii fi Begii gidduu bakka Laaloo jedhamutti waraana wayyaanee ORALii lamaaan deemaa turetti haxxee hidhuudhaan haleelee balaa guddaa irraan gahee jira.

Lakkoobsi loltoota wayyaanee du’anii fi madaa’anii ammatti beekamuu baatus, miidhaa ulfaataan irra gahuun ibsameera. Warri du’uu fi madaa’uu irraa hafe baqaan faffaca’anii gandeen keessa oggaa baqatan ummatnis waan qabu qabatee akka ari’e oduun arganne ifa godha.

ORALiin tokko kan barbadaawe oggaa ta’u, tokko ammoo caccabee hojiin ala ta’uun ibsameera.

Irree fi gaachanni ummata Oromoo WBOn Godina Dhiha Oromiyaa keessa sossohu Bitootessa 14,2018 Godina Qellem Wallaggaa Ona Gidaamii ganda Laaloo Garee iddoo Heennaa jedhamutti guyyaa keessaa sa’aa 10:30tti tarkaanfii waraana wayyaanee konkolaataa lamaan deemaa ture irratti fudhateen Jeneraalotni waraana wayyaanee lamaa fi tiki olaanaan tokko kan keessatti argamu loltoota diinaa 18 ajjeesuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Loading...

1 COMMENT

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here