Waliigaltee Hawaasawaa | mirgoota Oromoo fi haaromsa DhDUO:

0
282

Waliigaltee Hawaasawaa | mirgoota Oromoo fi haaromsa DhDUO:

_____________________________________________

Sirna siyaasaa keessatti hundeeffamni waliigaltee hawaasawaa [social contract] bu’uura aangoo siyaasaa mootummaa ti. Waliigalteen hawaasawaa qaamota lama qaba. Qaamni tokko qaama abbaa mirgootaa ta’e, kan mirgoota dabarsee kennuu dha. Qaamni kun uummata. Ilaalcha kana Heera Mootummaa Federaalaa keessatti uummanni abbaa aangoo birmadummaa akka ta’e ni raggaasisa; keewwata 8(1). Heera Oromiyaa keessattis uummanni Oromoo abbaa taayitaa ol’aanaa mootummaa naannichaa akka ta’e hammatameera; keewwata 8. Qaamni lammaffaan immoo qaama bulchiinsaa, kan aangoo fudhatu dha. Qaamni kun immoo mootummaa dha. Akka waliigaltee kanaatti, mootummaan bakka bu’aa uummataa mirgoota isaa eeguu fi raawwatuuf itti kenneeti. Yaad-rimeen kun Heerota Federaalaa fi Oromiyaa, duraa duuban keewwata 8(3) fi gaalee lammaffaa keewwata 8, keessatti caqafameera.
__
Walharkaa fuudhinsi fi milkaa’uun waliigaltee hawaasawaa qabiyyee mirgoota kennamuu, fedhii guutuu qaamolee lamaanii fi daandeettii raawwii qaama aangoo fudhatu irratti hundaa’a. Qabiyyeen waliigaltee hawaasawaa mirgoota namoomaa, mirgoota waloo seenaa, teessumaa fi bulchiinsa siyaasaa dabalata. Waliigalteen kun fedhii guutuu uummataa irratti hundaa’e fi karaa bilisaan mirgoota uummataa mootummaatti dabarsa. Mootummaan waliigaltee hawaasawaa fudhate mirgoota kanneen kabachisiisuf waadaa qaba. Mootummaan waadaa kana hin eegu taanan uummanni yeroo kamittuu mootummicha kaasuf aangoo guutuu qaba; Heera Federaalaa keewwata 12(3) fi Heera Oromiyaa keewwata 12(2).
__
Uummanni Oromoo seenaa, teessumaa fi bulchiinsa siyaasa guutuu fi guddaa qaba ture. Tirannaa yeroo keessatti seenaan, teessumni fi bulchiinsi siyaasaa Oromoo gara laafinaa uummatichaa fi dhiibban irraa fudhatameera. Ergasii asitti Oromoon seenaa, teessumaa fi bulchiinsa siyaasaa guutuu fi guddaa hin deebifanne.
__
Haalli hundeeffama DhDUO beekumsa uummataati. Warri hin beekne yookin hin amanne kitaaba ‘ሉዓላዊነትና ዴሞክራሲ በኢትዮጵያ፥ 5ኛ ዕትም፣ 2008፣ ገብሩ አስራት’ hundeeffama DhDUO dubbisuu danda’u. Ta’us, mirga Oromoo nan kabachiisa jechuun aangoo mootummaa Oromiyaa waggoota 25 oliif harka godhateera. DhDUOn dhadhabbina waliigaltee hawaasawaa raawwachuu akka qabu, rakkinni bulchiinsa gaarii akka jiruu fi mirgoota uummanni itti kenne kabachisaa akka hin jirre amanuun ofin haaressa jedhee abdii kenne. Haaromsi DhDUOn fudhate dubbii babbareedoo fi seenawaa dubbachuu, warraaqsa diinagdee hanga aangoo bakka bu’ummaan itti kenname kan sadarkaa Federaala irraa qabu gadhiisuu akkasumas qeerroo muudutti ga’eera. Kunneen gaarii yookin balleessaa dha.
__
Haaromsi DhDUOn jalqabe bu’aa qabsoo uummatichaa ta’uunis dagatamuu hin qabu. Haaluma walfakkaatun, qabsoon Oromoon seenaa, teessumaa fi bulchiisa siyaasaa dhabe deebifachuuf jalqabe itti fufeera. Himoota lamaan irraa wanti hubatamu yoo jiraate gama tokkoon DhDUOn abdii haaromsaan jira. Gama biraan uummatichi mirgoonni bakka bu’ummaan dabarsinee kennine hin kabajamne, raawwin waliigaltichaa hin jiru jedhee qabsoo kallattiin itti fufeera. Qaamolee lamaan gidduu iddoon duwwaa akka jiru beekameera. Sababoota rakkoo kanaa keessaa:
1. Yeroon DhDUOn aangoo siyaasaa fudhate, yeroo uummanni Oromoo mirgoota seenaa, teessumaa fi bulchiinsa siyaasaa dhabetti waan tureefi. Uummanni mirgoota hin qabnee fi DhDUOf hin dabarsine DhDUO irraa eeguu isaa ti.
2. Jalqabumaa uummanni Oromoo DhDUO waliin waliigaltee hawaasawaa hin qabu. Bakka waliigalteen hawaasawaa hin jirreetti, uummanni raawwii waliigaltichaa DhDUO irraa eegun seerummaa hin qabu.
3. Yookin, waliigalteen hawaasawaa Oromoo fi DhDUO gidduu jira yoo jedhame, bakka bu’ummaan DhDUO fedhii guutuu fi bilisaa uummata Oromoo irratti hin hundoofne.
__
Haaromni DhDUO mirgoota Oromoof abdii erga hin taanee qabsoo uummataatti gufuu fi qancarsa ta’uu hin qabu. Akka furmaatatti:
1. Hunda dura, uummanni Oromoo mirgoota gara laafinaan fi dhiibban dhabe kallattiin deebifachuu qaba. Mirgoota jaarraan dura harkaa fudhatame maqaa haaromsaan DhDUO irraa eegurra, kallattii fi nagayaan qabsoo mirgoota seenaa, teessumaa fi bulchiinsa siyaasaa deebifachuu itti fufuu qaba.
2. Mirgoota qabsoo kallattiin deebifateen waliigaltee hawaasawaa haaraa fedhii guutuu fi bilisa irratti hundaa’e raawwachuu dha.
3. DhDUOnis haaromsa kopaa godhu irra qabsoo uummanni mirgoota isaa deebifachuuf taasisutti of makuun haaromsa dhugaa godhachuu qaba.

Loading...

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here