Opinion

Seeraa fi Seerrannaa

Seeraa fi Seerrannaa

Bara 1941, ‘Franklin D. Roosevelt’ fi ‘Winston Churchill’, mariif walitti dhufan. “Waraana kana booda hireen Addunyaa kanaa maal ta’uu qaba?’ yaadni jedhu dhimma marii isaanii ture. Yerichatti Addunyaan lola ‘Waraana Addunyaa 2ffaa’ jedhamu keessa jirti turte. Marii sana booda labsii tokkoon addunyaatti as bahan. Labsiin kuni mirga hiree ofiin of bulchuu biyyootaa akka qabxii jalqabaatti kaawwate. ‘Atlantic Charter’ moggaasa labsichaa ti.

Waggaa tokko booda, Amajjii 1942, biyyoonni 26 ta’an ‘Group of Allied Nations’ labsii kana tumsa guutuudhaan simatan. Haa ta’uu garuu labsiin kuni faayida warra waraanicha injifatee eegsisuun alatti, rakkoo addunyaan keessa jirtuf waatokko otoo hingumaachiin seenaa maseene ta’ee hafe. Xurreen abdii mataan muul’ate otoo hindhalatiin duute.

Waggaa muraasa booda, bara 1945, jaarmayaan Mootummoota Gamtoomanii (UN) dhalate. Jaarmayaan kun baatii Sadaasaa, 1974 gumii waliigalaa waameen, (General Assembly Resolution A/RES/3246, XXIX) jalatti qabsoon bilisummaaf godhamu, qabsoo hidhannoo dabalatee seera qabeessa ta’uu seeraan seeromse. Ammas qalbii namootaa keessatti qaanqeen abdii lamuu deebitee dhalatte. Haa ta’uu garuu ammas abdiin dhalatte mujujjee gad adeemaa bulte. Isa dura garuu, baroota 1960moota keessa biyyoonni Afrikaa hedduun mooraa gabrummaa diiguun, gabrummaan hiree dhala namaatiif hin malle ta’uu mirkaneessan. Sagaleen Bilisummaa jedhu qalbii dhala namaa keessatti akka hin buqqaanetti biqile. Sana booda, bilisummaan kan qabsoon dhuftu malee kennaa nama irraa eeggatan akka hin taanetu hubatame.

Qabsoon itti fufe. Si’aayinni si’a uume. Warraaqsi bilisummaaf godhamu abidda bishaan hin dhaamsine ta’e. Biiftuun qe’ee Afrikaatti baate gola Oromootti mul’atte. Fincilli Oromoo 1960moota keessa Kibba baha Oromiyaatti qabate egereen dubbii Oromoo maal akka ta’uuf jiru eere. 1970moota keessa dubbiin kun gadi jabaatee, ol guddatee mul’ate. Qabsoon Oromoo bifa ulaagaa addunyaa guutuun qindaa’ee dhufe.

Sana booda, dubbiin Oromoo dubbii gurra qabatanii irraa goran ta’uu dide. Jaalataniif kan ofitti qaban, jibbaniif kan of irraa qaban otoo hin taane, dhugaa dirqamanii dhaggeeffatan ta’e. Bu’aa bayii fi qabsoo ulfaataa booda, Oromoo fi Oromiyaan galmee addunyaa qabatan. Dhoksaa fi fuulleetti mariif dhiyaate. Kun Tola hin dhufne. Kennaas miti. Dhiiga ilmaan saba kanaatu biqilche. Lafee isaaniitu magarse.

Har’a Oromoon humna. Isa dhiigaan dhufu dhiigaan of duraa buqqisa. Oromoon karaa furmaataa ti. Dhiitanis, dhiisanis bira darbuuf karaan hin jiru. Bidiruu nagaa ti. Irraa bu’anis, keessaa bahanii deemuun rakkoo dha. Fakkii jaalalaa ti. Warra gosaa fi hiddaan orma ta’an illee gola keessaa qaba. Laphee jaalalaatiin ofitti qaba. Furmaataaf harka ormaa hin eegu. Lafa isaaf lafee isaa kenna. Oromoo fi Oromiyaan gaaddisa keenya!

Har’a Gaaddisa kana jala jirra. Gaaddisa dhiiga keenyaan biqile. Lafee keenya irratti marge. Kanaaf garaagarummaa tokko malee faarfanna. Waakkii tokko malee leellifna. Nuffii wayii malee dhiigaan ijaarranna.

Oromoo fi Oromiyaan galma imala keenyaa ti. Irraa hin gorru. Bira hin tarru. Irraa hin hir’ifnu. Sharafnee hin xiqqeessinu. Maaliinuu hin jijjiirru. Kuni Seera keenya. Seerranna keenya. Seeraa fi Seerrannaa keenya.

Injifannoon Ummata Oromoof!

Jiituu Lammii ti!

Fulbaana 18, 2017

Facebooktwittergoogle_plusredditpinterestlinkedinmailby feather
Facebooktwitterlinkedinrssyoutubeby feather

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

*