SEENAA GABAABDUU GABBISAA (ABDURAZZAAQ YOONIS SIIDOO) 1944 – 1978

0
490

Abbaa Urjii tiin, Ebla 07, 2018

Qabsoon bilisummaa ummata Oromiyaa arra sadarkaa amansiisaa fii, if booda deebi’uun hin malle geeysee jirti. Arra sabni Oromoo guddaan akka arba ciisutti sodaatamaa ture, bahaa-dhihaa fii kaabaa-kibbaan if baree, waliis baree, arbummaa, bilisummaa fii abbaa biyyummaa Oromiyaa falmachaa jira.

Qabsoon sadarkaa fii haala kana qabaachuu isii tiif wal’aansoo hadhooytuu, dheertuu, wareegama qaalii fudhattee tu gaggeeyfame. Haala kanaan, amna wal’aansoo tan diiramaa keessatti guca dakkana tahuun warra xurree qabsoo bilisummaa ibsan keessaa tokko Abdurazzaaq ykn Gabbisaa dha. Gabbisaan abbaa isaa Yoonis Siidoo fii haadha isaa Zeeynabaa Burushee Karrayyuu irraa Godinaa Baha Oromiyaa, Aanaa Kombolchaa, Araddaa Fal’aanaa Ganda Dhaadheeysaa ja’amutti, toora bara 1944, dhalate.

Akka umrii kaa’imummaa gayeen, haalli jiruu Gabbisaa naannoo itti dhalaterraa sossoosee magaalaa Hara Maayaa qubachiise. Hara Maayaa keessatti odoo hujii hodhaa huccuurratti bobbahaa jiru, namoota ifii dammaqanii hawaasa dammaysan keessaa tokko tahe. Hujii isaa tanaan dafkaan buloota magaalaa Hara maayaa fii naannoo isii jiran lafa jalatti Oromummaan dammaysuu fii jaaruu irratti sossooha bara 1975 fii 1976 godhamaa ture keessatti qooda guddaa gumaache.

Odoo tana keeysa jiruu, mootummaa Soomaalee tii fii tan Dargii jidduu lolli jalqabe. Akkuma lolli ka’een waraanni Soomaalee maqaa Adda Bilisummaa Soomaalee Dhihaa tiin gammoojjii Ogaadeen dhunfate. Haalli kuni, Dargii biraa taree, hortee nafxanootaa kanneen Minilik naannoo Baha Oromiyaa qubachiise garaa gubutti seene. Biyya abbootiin isaanii dhunfata jala galchaniif Soomaaleen irraa fudhachuun jara haalaan dallansiise. “Harree dadhaban gurboota dhawan” akka baananitti, jarri dallansuu isaanii hawaasa Oromootti bahuu jalqaban. Gochi isaanii kuni, sab-boonota Oromoo hedduu keessatti anaannata uumee, haala kana keeysa, qabsoo bilisummaa tiif hidhachuuf, karaa waraana Soomaalee yaase. Sab-boonota haala kanaaf qe’ee deeman keessa tokko Gabbisaa tahe.

Yaroo tanatti, Gabbisaan, nama bultii jaarrate, kan itti gaafatama haadha warraa malees, kan ilmaanii ceekhuurra qabu ture. Akkasumaa waliin, roorroo diinni saba isaarratti hojjachaa jiru arkaa fii dhageeytii jibbee, jiruu isaa tii fii tan maatii caalaa tan sabaa dursuun, mana oowwaa fii bultii bareeddutti duuyda galee, jalqaba bara 1977, qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaa tiif Hariirotti qaceele.

Hariiro lafa Oromiyaa tan Hara Maayaa irraa fageenya km 78, timjii Soomaalee irraa km 120 qabdu, tan yaroo sanitti waraanni Soomaalee qabatee, qarmaammee leenjii irratti jaarrate turte. Gabbisaa fii kanneen waliin gamas deeman yaroo achi gayan, waraana Soomaalee tiin gaafii malee gammachuun simatamanii, leenjii toftaa lolaa hatattamaa irratti bobbaafaman. Akka barnoonni barbaachifamu kennamee fiin, Gabbisaan jaallan waliin dhaqanii fii kanneen achitti wal arkan waliin hidhannoo guutuun, Hariiroo-rraa ka’anii Jaldeessaa fii Eeguu keessa hulluuqanii, dhuma walakkaa bara 1977, Sumsuma Muudaa qubatan. Achirraan Gooroo Aaw-Nugus gubbaan Baatee fii Hara Maayaa haroo gamaan daawwatan.

Gabbisaa fii qabsaawonni akkuma naannoo san gayaniin, isaan keeysaa sayliin takka, waraana Soomaalee (Sargoo) irraa adda tahuu isaanii beeysisuuf, magaalaa Baatee-tti duulan. Duula kanaan, dhaadannoo, “Nuti Waraanaa Bilisummaa Oromoo ti!” jettuun waraana Dargii kanneen boolla (mishigii) keessa riphisaa turan irratti geeraraa bulan. Garuu, rasaasota ballaa, warra boolla keessaa jaraan irraa dhukaafaman, keessaa gariin, Rabbi rahmanta haa godhuufii, lubbuu Dhaqqabaa (Abbaas Baldaa) fii Usmaanee ganda Daammotaa galaafatan.

Kaana booda, tarkaanfiin qabsaawonni dura fudhatan, Soomaalota saaminsaaf baadiyyaa keessa olii fii gad laban dhaabu ture. Warra maqaa daldalaa-tiin ooyrota nama keenyaa keeysa deemanii jimaa cabsan, qabeenya saamanii fii hawaasatti roorrisan, malaan Waaqatti galchuu jalqaban. Haala kanaan, yaroo gabaabaa keessatti, ummata baadiyyaa naannoo sanii, roorroo Soomaalotaa irrraa hara baafachiisan. Kana godhaa, haala waraana Soomaalee irraa itti buqqa’an irratti hojjachutti seenan. Baazuuqaa, qawwee, boombii, rasaasaa fii waan adda addaa, xiqqo xiqqoon jalaa mayfachuu hujii godhatan. Akkasiin, qophii gayaa booda, caasaa ajaja Sargoo jalaa buqqa’anii, gara Maayaa Guddoo tarkaanfatan. Achiin Maayaa Qallotti boraafatan.

Oduun qabsaawonni ajaja Sargoo jalaa if bilisoomsuu daftee biyya keessa facaate. Oromoonni waraana Sargoo keessa jiran, akkuma oduu wal-faana dhagayaniin, tuutaa fii tokkeen irraa buqqa’aa karaa Karroo xiixan. Oduun warra waraanaa fii milishiyaa Dargii keessa jiraaniis hin hanqanne. Isaan keessaa-hiis, akkasumatti, warri mirga ifii tiif qabsaawuu murteeffatan fii kanneen dirqiin keessa nayxe, karayyuun Maayaa Qalloo-tti dhangala’an. Haalli kuni, warra waraana Sargoo fii kan Dargii gananii mooraa qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaatti dabalaman baayyisee, Maayaa Qalloo seenaa isii tan gaafa Raabaa Doorii yaadachiisuu jalqabe. Tana keeysa, Gabbisaan qabsaawota biroo waliin, waraana naannoo Maayaa Qallootti jaarame bakka bu’uun, Walgayii dirree qabsoo bilisummaa Oromoo tiif Idlee Duraa taate, tan irkata Bookee iddoo Saaqqata ja’amtutti Birraa 17 – 23, bara 1977 godhamte irraa qooda fudhate.

Gabbisaa fii jilli waliin deeman gaafa walgayii irraa as deebi’an, haalli naannwa sanii jijjiiramee isaan eege. Wanni jijjiirama fide, waraanni Soomaalee kan biyya keeysa hulluuqee ture, waraana Dargii kan tin’isa Raasiyaa, Kuubaa, Yamanii fii Libiyaa arkateen injifatamee fiixeensa aduun itti baate tahuu dha. Qabsaawonni haala ummame kanarraa bu’aa buufachuuf Oromoota waraana Soomaalee irraa buqqanii fii miya jarri if duubatti dhiisanii biraa baqatan barbaadachutti seenan. Gabbisaa fii Saartuu (Maymuunaa Abdallaa) akka hujii tanaaf bobbahaniin, naannoo Dhandhama ja’amtutti harka Dargii seenuu mudatan.

Yaroon, yaroo gammachuun injifannoo waraana Soomaalee Dargii macheeysite turte. San malees, yaroo gammachuu fii injifannoo isaanii walitti dhaabuuf, fuula isaanii gama qabsaawota lafa funyaan isaanii jalaa, Maayaa Qalloo, qarmaammee godhatan irratti duula karoorfachaa itti turani. Haala kana keeysatti qabsaawonni harka seenuun, Koloneel Zallaqaa Bayyanaa, Bakka Bu’aa Dargii, kan yaroo xiqqoo dura, Sargoo akka irraa haleelaniif qabsaawota gunachaa tureef milkii addaa taate. Zallaqaan, akka xiqqo tureen, hawaasa Oromoo, sab-boonotaa fii qabsoota hamilee cabsuuf, bara 1978 toora ji’a Adooleeysaa keeysa, Gabbisaa jaala isaa Saartuu waliin wareege.

Gabbisaan, qabsaawaa lolee lolchiisuun Dirree Qabsoo keessatti jeeynummaan faarfame. Nama lubbuu isaa qabsoo bilisummaa ganamaa tiif kenne. Wareegamni waan manaa bahee fi. Diiyni isaa bilaashitti hin buune. Sabni inni lubbuu isaa kenneef, arra, galii inni wareegameef fiixa baasuuf, yoomiyyuu daran, Bahaa fii Dhihaan – Kaabaa fii Kibbaan; dhiiraa-dhalaan – xiqqaa-guddaan; dhaadannoo isaa, “Oromiyaan ni bilisoomtii!” dhawwaaqaa, sanii fiis wareegama barbaachisu baasaa jiru.

Oromiyaan ni bilisoomti!

Loading...

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here