Oduu tarkaanfii waraana Ajaja WBO Godina Kibba Bahaa irraa bahe (SBO)

SBO Amajjii 08,2017. Oduu, Du’aan Boqochuu Jaal Nuuraddiin Adam ilaalchisuun Ibsa Gaddaa ABO irraa kennamee fi Gabaasa Addaa Amajjii 1, Guyyaa WBO Giddu gala Mooraa Leenjii ABOtti kabajame kutaa lammaffaa.

Oduu tarkaanfii waraana Ajaja WBO Godina Kibba Bahaa irraa bahe (SBO)
========================================
(oromoliberationfront.org/or) –#Irreefi_Gaachanni_Uummata_Oromoo_WBOn Godina Kibba Bahaa waraana weerartuu wayyaanee sakattaan duubbee isaa jeequu fi isa dhabamsiisuuf karaa adda addaan humna guddaan itti bobba’e hamilee fi gootummaa guddaadhaan dura dhaabbatee falmaa godheen loltoota wayyaanee 95 ol hojiin ala gochuun qawwee AKM 19, Girinoova 1, boombii harkaa F1. 25 fi rasaasa hedduu dhuunfatee jira.

Haaluma kanaan Mudde 16,2016 WBOn Godina Kibba Bahaa Baalee keessa sossohu Ona Haroo Dibbee bakka Burii jedhamutti humna komand postii wayyaanee duraa fi boodaan itti bobba’e waliin falmaa godheen diina irraa 12 ajjeesee, 15 madoo taasisee jira. Falmaa kana irratti WBOn qawwee AK-47 10, boombii harkaa F1.25 fi rasaasa kilaashii 1000 ol booji’uun qabsoof oolchee jira. Lolli kun waaree booda 2:00 – 3:30tti geggeeffame.

Mudde 17,2016ttis humni WBO Godina Baalee Ona Galleey Diimaa bakka Eela Roqaa jedhamutti waraana wayyaanee bishaan eelaa irra qubatee ture weeraraan haleeluun 12 ajjeesee, 10 ol ammoo madoo taasisee jira.

Gootichi WBO Godina Kibba Bahaa Baalee keessa sossohu tarkaanfii isaa itti fufuun, Mudde 18,2016 Ona Gooroo bakka Gooroo Mudhii Sonsaa jedhamutti waraana wayyaanee sakattaa WBO irra turee galgala gara mooraa isaatti deebi’aa ture haxiidhaan rukutuun 17 irraa ajjeesee, 9 ammoo madoo taasisee jira. Qabeenyi diinaa qawween AKM 9, PKM/Girinoovi 1 fi rasaasni AKM 950n diina irraa booji’ameera.

Mudde 19,2016tti Godina Baalee Ona Haroo Dibbee bakka Kaarra Buruurii jedhamutti humna WBO aamna irra turee fi waraana wayyaanee gidduutti galgala sa’aa 6:00 – 6:30tti lola geggeeffameen diina irraa 9 ajjeefamee 11 ol ammoo madeeffamee jira.

Mootummaan wayyaanee duubbee WBO Godina Kibba Bahaa jeequu, WBO duubbee akka hin qabaannee fi lafa akka hin qabanne gochuuf walitti fufiinsaan maqaa sakattaan gammoojjii Baalee keessatti humna komandpostii fi waraana dhaabbataa akkasumas miliishota gosa adda addaa bobbaasee sakattaa bal’aa geggeessaa jiraatus, WBOn wareegama guddaa kafalee diina dura dhaabbatuun falmaa hadhaawaa taasisaa jiruun, injifannoo boonsaa galmeessaa akeeka diinaa hongeessaa akka jiru Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa beeksiseera.

Leave a Reply

}