Oduu Amma Nu Gahe/Breaking News/ Hagayya 07/2017

0
339

(SBO/VOL – Hagayya 07,2017) Mootummaan wayyaanee rakkoo dinagdee ishee mudate irra aanuudhaaf gibira humnaa ol dabaltus uummatni sochii warraaqsaa fi uggura dinagdee, lagannaa gabaa fi tarkaanfii qabeenya diinaa irratti fudhachuu itti fufeera. Amboo, Gudar, Hirnaa, Mi’eessoo,Walisoo, Cinaaqsanii fi akka waliigalaatti guutuu Oromiyaa keessatti sochiin dinagdee ugguramuun itti fufeera.

Wayyaaneen kana irra aanuuf waraana bobbaastee yaaltus waraanni ergama ishee galmaan gahuu waan dhabeef wal shakkii dabalataaf saaxilamteetti. Sochiin warraaqsaa fi uggurri kun jabaatee kan itti fufu ta’uun ibsameera.

(SBO/VOL – Hagayya 07,2017) Mormiin daballii gibraa fi Fincilli Xumura Gabrummaa har’a Hagayya 7/2017 irraa bakkoota garaagaraatti jabaatee gaggeeffamuu itti fufee jira. Haala kanaan godina shawaa lixaa magaalota akka Amboo, Gudaar, Giincii, Jalduu, Wancii guutumatti tajaajila geejjibaa dabalatee dhaabbatee jira.

Haaluma walfakkaatuun godina shawaa kibba lixaa magaala Walisoottis itti fufuun gaggeeffamaa jira.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here