Oduu Amma Nu gahe

(SBO Caamsaa 13/2017) Oduu Amma Nu gahe; Galgala kana Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyii Magaalaa Baallammiitti Waajjirri Poolisii Wayyaanee haleellaa Boombiin Gootichi Humni Addaa Ittisa Uummataa irratti fudhateen haleelamte.
Tarkaanfiin kun galgala kana tilmaamaan sa’aa lamarratti kan fudhatame yeroo ta’uu waaraannii Koomandii poostii wayyaanee fi poolisootni sirnicha argamanitti fudhatamuun miidhaan jabaan akka diinarra gahee jiruu maddeen keenya gabaasaan.
Waraannii Komaandii Poostii Wayyaanees tarkaanfii kanaan barraagee waan qabee gadhiisuu dhabuun Magaalaa Baallammii dhukaasaan gooluu irratti argama. Poolisootni Wayyaanee fi waannii koomandii Poostii wayyaanee uummata nagaa humnaan mana galmaatti seenuun mana hidhaatti guuraa akka jiraan gabaasaan amma nu gahee ifa godheera. Gabaasa guutuun walitti deebina!!

Leave a Reply

}