Ilmi Oromoo qabsaa’ota waggaa 40 Oromoof qabsaa’aniif kabajaa hinqabne, Oromoof Oromiyaaf aantummaa hinqabu!

0
155

 

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Hagayya 3,2018
Finfinnee Oromiyaa

Moxobii dubbii!
“Yaa unateekoo ya unateekoo, nii eerumtaakaa” jedhee boohe gadheen ilmaa
“Muu ati maal na unatta, inni dhuufuu Harree ulate na unatee” jettee deebiftee isheen eerumtu jedhu.

Sirba mararoo olii keessatti ilma of dhiqee jiraatuuf, ilma hojiif tattaafatutu jiran; akkasuma shamarree miidhagduu bareedina qabdutu jira. Isa daldalaa; Harreen daldaluuf isa yeroo of dhiquyyuu hinqabanetti Qarreen eerumte. Gaafa eerumaa irratti argamuun inni hojii hinjaallanne sirbaaf. Deebii quubsaa inni ofitti aaruu qabu kan barnoota ta’uuf deebifteef.

Har’a qabsoo Oromoof inni tokko yeroo bahee fuula sabasaa arguyyuu hinqabu. Inni tokkommoo qabsoo humaa utuu hingodhin miidiyaa qabutti dhimma bahee ilma sabaa of fakkeessa. Galgalli warra lafa gaarii jiraatanii, nyaata gaariif siree gaariirra rafanii akka waan qabsoo Oromoo gaggeessaa jiraniitti of dhaadeessaa qabsaa’ota dirree xiqqeessan akka gurbicha gaafa Maararoo durbaa qaana’ee gaafa tokko qaana’uu jiru jedheen eega.

Qabsoo Oromoon amna dheeraa itti jiru qabsoo Bilisummaa saba Oromoof walabummaa Oromiyaati! Qabsoon Bilisummaa ammoo of dhaadeessuuf akkasuma dantaa ofii ittiin guuttachuuf utuu hintaane, saba ofii waanjoo garbummaa jalaa baasanii kabaja biyya ofiif kennisiisuuf qabsoo taasifamudha. Qabsoon Oromoo lafa qananiif lafa gammachuutti utuu hintaane, lafa beelaa, lafa gammoojjiif dirree jireenyaaf rakkisaa taate keessatti adeemsifamaa waggoottan lakkoofsisee ittis jira. Qabsoo sabaa kana gabaa siyaasaaf dhiyeessuun sharafatee kan ittiin aangomuuf, ittiin dantaa guuttachuuf, ittiin beekamuuf hojjetu kamuu waan hedduu adeeme fakkaatuus yeroo hongeen haqaa rukutee akka dhadhaa baqsu fagoo miti.

Qabsoo saba ofii jaallachuun waan hedduu irraa eegala. Eegala jaalala biyya ofii keessaa inni olaanaan qabsoo saba ofii jaallachuurraa madda. Biyya ofii jaallachuufis maddi jalqabaa qabsoo jaalachuurraa eegala. Qabsoo jallachuun:
A. Qabsaa’ota Bilisummaaf wareegamaniif jaalalaaf kabajaa laachuu, gootummaasaa dhaaduu!
B. Qabsaa’ota jaallan biraa kufanii hanga dulloomanii jiran har’aatiif qabsootti jiraniif kabaja abbumaa laachuufii!
C. Qabsaa’ota harka diinaa bu’aniif sagalee ta’anii hiiksifachuuni.

Sadeen armaan olii kun jaalala qabsoo yoo ta’u jaalalli qabsoo ammoo jaalala biyya ofii hammatee jiraachuu nu hubachiisa.

Har’a adeemsa qabsoo keessatti jaallan qaqqaaliin aarsaa kaffalanii kaan kufan kaan ammoo jireenyaaf jiruu isaanii hongeessanii uummataaf aarsaa of godhanii dirree qabsoo jiran kitila. Isaan dirree qabsoo jiran tooruma jaallan wareegama lubbuu baasaniitti har’allee, hedduun isaanii utuu mana dhaabbachuu (fuudhuu/Eerumuu) ijoollee horanii ilmaaf intala ofii dhungachuurra qabsoo sabaaf of laatanii waantoota gurguddoo mara ofitti hir’isuun waggoota 40 ol dirree qabsoo keessatti wal’aansoo garboonfattoota waliin godhaa jiru.

1. Qabsoo dhugaaf qabsaa’ota Waggaa 40 fii qabsoo dantaa kara deemtota/ayyaan ilaallattoota qabsoo waggaa 3 asii
1.1. Qabsoo Dhugaaf Qabsaa’ota waggaa Afurtama qabsootti jiran
Qabsoon dhugaan waa hedduu qabdi. Rakkinaawwaan qabsoo haqaa keessatti namarra gahan katabanii fixuun ulfaataa ta’us waan muraasa wal yaadachiisuu dandeenya. Waggaa 40 qananii jiruusaa gatee ilmi Oromummaaf of laatee qabsoo irra jiru ganaama galgala ajandaa guddina qabsoof dinagdee egeree saba Oromoof baasaa bula. Qabsoo gaggeessu keessatti rakkoo sabaa furamuu kan tilmaamu malee, rakkoon Oromoo akka waan furameetti of dhaadeessuuf fakkarsuu akkaaf akkaataa hinqabneen uummata birqaansuuf hojjetee hinbeeku.

Qabsaa’oonni haqaa Waggoota 40 duraaf asitti rakkowwan hedduu damdamatanii har’a gahuu isaanii seenaatu ragaa baha. Hedduun isaanii jaala of biraa awwaalaa, jireenya siqiqii dabarsaa yoona gahaniiru, ittis jiru. Rakkoowwan: dheebuu, beelaa, rakkina qalbiif qaama, fi waa hedduu bosona keessatti dabarsan.

Ilma namaa ta’ee WBO waan nyaatu dhabee Waggaa 7 Kibba Oromiyaatti kaayyoo saba guddaa Oromoof baala nyaatee jiraate dhaga’een gurraa qaba. WBO’n har’a akkuma salphaatti ilmaan Oromoo biratti ilaalamu, sabichaaf aarsaa akkamii baasaa ture? jedhee dhaloonni qoratuu mannaa, goota Baalaaf, Bineensa Oromiyaa soorratee of jiraachisaa qabsoo jiraachisaa ture arrabaan waxaluutti fiiga. Nuti har’a gaafa waa’ee qabsoo dubbannu, qabsoon kun akkamitti dhufe? Eenyutu fide? Inni fide akkamitti fide? Jechuu mannaa, arrab qareessa miidiyaan haguuggii/golga argaterraa waanuma dhageenyuuf arraba hadhaahaa darbachuun dhaloota qubeef hinmalu.

Qabsoo amna dheeraa adeemsisanii asiin gahaniif jaallan bosonatti umurii dabarsaa jiran, kanneen waa’ee dantaa dhuunfaa dhiisanii uummataaf beela’anii qabsaa’anii qabsoo tiksanii asiin gahan arrabsuuf, tuffachuuf gaafa hiixannu haamilee akkamii qabaanneeti? Dhugumaa ilmi Oromoo jaallatu qabsaa’aa Oromoo nii xiqqeessaa? Dhuguma ilmi Oromoo nama isaaf dararamaa akkana jedhamee hindubbatamne keessa darbe nii arrabsaa? WBO jechuun amma qoosaa fb irraa kana waliin wal fakkeessuun nu hinqaaneessu? Hamma halagaan waa’ee WBO beeku dhaloonni arrabsuuf hidhiisaa sagal gororaan jiisu kun beekaa? Baruuf ammoo nii tattaafataa? Seenaaf dhiifna deebii kanaa.

1.1.1. Qabsoo Oromoo kara deemaan hingaggeessitu!

Kara adeemaan qabsoo sabaa gaggeessuu hindanda’u. Namni karaasaa adeemaa jiru, ilmi imala biraa qabatee karoora biraaf deemu rakkina isaa itti obsuuf gara qabsootti goru qabsoof abbaas ta’uu hindanda’u gaggeessuufis hindanda’u. Qabsoon isa itti cichee haala rakkoo keessaa baasuuf ilma gaafa rakkinaa baqatee koolu galtummaa fudhatuuf garaa hinirreen taliigamtee gaggeefamaa dhufte kutataa ilmaatiinis gaggeeffamti. Ilmi utuu karaa adeemuu itti goree aramaa qabsoo ija lama buqqisee dantaasaaf ammoo beenyaa humnaan olii gaafatuuf miindaan qabsaa’uuf uummata buusii gaafatu; ilmi dantaaf gara qabsoo sabaatti dhufu baabura qabsoorra jiraachuu matumaa hindanda’u. Baaburri qabsoo qabsaa’ota malee kaawwan baachuu hundandeettu. Bidiruun qabsoo qabsaa’ota malee kaawwaniin raafamtee garba siyyaasaa keessa buusuun waanuma jirudha.

Kara deemaatti qabsoo laanna jedhee dhaloonni iyyuun wacuun tarii seenaa baruu dadhabuurraa ta’uu mala, akkasuma baruuf akka tattaafatu barruu kanaan ibsuufiin yaala. Qabsaa’ota ofii kabajuun biyya ofii jaallachuudha. Ilmi Bilisummaa sabaa leellisuuf dheebotu qabsaa’ota yoo leellise jaallachuusaa hubanna. Jaala goota jiruu waan wareegameef sila du’e jedhanii ittiin beeksisa hojjetatanii faarsaa, hiriyaa jaala wareegamee kan qabsoo fi kaayyoo gootota wareegamaniitti cichee jiru jibbuuf jibbiinsa irratti labsuun ammaa qabee dhaabbachuu qaba. Goota ofii kabajuu dhaloonni baratuu qaba.

1.2. Qabsaa’ota qabsootti goranii darban.

Qabsaa’onni qabsootti goranii ammammoo qabsoo gatanii darban ayyaan ilaallattoota jedhamu. Isaan kun waggaa qabsoo Oromoo bara qabsootti goranii ka’anii kabajuuf aggaamu. Waan qaaniin kana caalu hinjiru. Akkasuma qabsaa’ota waggaa 40 bosonatti dabarsaa jiran gorsuuf utuu wixxisanii agarra. Ijoollee daa’ima siyyaasaa akkanaa qabsoorraa fageessaa lafa ka’aa! Qabsaa’ota qabsootti dulloomaa jiran irratti jibba facaasuuf miidiyaa fayyadamanii irratti hololuuf jechoota haamilee uummataa xuqee qabsoo duubatti deebisu dubbachuutiin beekamu.

Fknf “ABO’n badeera!
Qabsoon Oromoo kana booda ijaraamu hindanda’u!
ABO’n akka ijaaramuu hindandeenyetti diigame!
ABO’n gandaaf amantaatti gale!” Fi waa hedduu jechuun haamilee sabaa xuquu yaaluu. Qabsaa’onni qabsootti goranii darban qabsaa’ota dantaa jedhamu. Gaafa qabsoo sabaa gananii darbanii ka’anii of ijaaruu irratti cimanii hojjetu. Uummata saamuuf waan garaagaraan ko’omsanii miidiyaan gowwomsanii waanuma bor bilisoomsan fakkeessuun uummata saamu. Miira keessa galchaniis aarsaa hinbarnaachifne uummata kaffalchiisu. Qabsaa’ota kara deemtota kana ilaalee dhaloonni socho’uun akka nama jaamaan hogganamuuti. Namni jaamaa ilaalee deemu bowwaa bu’uu, konkolaataan rukutamuu danda’a.

Qabsaa’aan jaamaa qabsoon gaggeeffamuus hallayyaa siyyaasaan nyaatamee ofis qabsoos dhabamsiisa. Qabsaa’oonni dantaa/kara deemtootni waan adeemaniif hinbeekan. Walakkaa lafaatti uummata biraa hafanii uummata harka diinaatti dabarsanii laatu. Mootummaa ajjeesaaf deebisanii hordofaa isaanii kennu. Qaamuma irratti qabsaa’aa turanitti kooluu galu. Kun amala karadeemaa siyyaasaati. Dhaloonni kara deemaa siyyaasaa kan waggaa 3 miidiyaa qabatee uummata irraa cookaa baheef haasaa rogaaf daangaaf kaayyoo hinqabneen uummata birqaansuuf erbee kutee gatuu dideera. Sababaan ammoo qabsaa’oota waggaa 40 bosonaa bookkisaa, xirqanaa, baroodaa jiran barbaada. Isaantuu uummata ijaare waan ta’eefi.

Maayii irratti Oromoon ilma booree dhalcheera. Ilmi booree sabaa baasu Qeerroo Bilisummaati! kanaafuu; Dargaggoonni ammaa qabsoo abboonni itti kufaa turan iyyaafadhaa! Baraa! Ilmi Oromoo qabsaa’ota waggaa 40 Oromoof qabsaa’aniif kabajaa hinqabne, Oromoof Oromiyaaf aantummaa hinqabu! Ilmi biyya abbaasaa jaallatu qabsaa’aa biyya abbaasaa jaallachuu irraa raageessa. Qabsaa’ota bosonaaf yeroon dhaggeeffachuu qabnu ammaaf amma qofa.

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Hagayya 3,2018
Finfinnee Oromiyaa

Loading...

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here