Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

0
181

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ebla 12,2018, Finfinnee Oromiyaa

Ummanni Oromoo waggoottan dheeraa lafasaarraa buqqa’uu, ajeefamuu, ari’atamuuf biyyasaarratti mirgoota democracy guutummaatti dhabuun isaa kan yaadatamu ta’us, addatti bara bulchiinsa sirna Wayyaanee kanatti dararama ulfaataan irra gahee gaahaas jira.

Bara kana Oromiyaa keessatti uummanni miliyoona walakkaan ardasaa dhabee qe’ee ababaabiliii isaa irraa buqqa’ee biyyuma isaa irratti fi biyyoota alaatti baqattuu ta’ee rakkoowwan garaagaraaf saaxilamaa jira. Rakkoo manaaf qabeenya isaa irraa buqqa’uu fidee fi ajjeefameef furmaata humaa mootuummaa biraas caasaa mootummaa irrahiis hin arganne.

Abbaan irree Wayyaaneen waraana Oromiyaa fi Oromoo irratti labseen uummata Oromoo Booranaa irraan ajjeechaa gara jabinaa fudhatuun, uummanni kumoota hedduutti lakkaahaman baqattummaan gara Keenyaatti baqatanii jiraachaa jiru. Sanaafis karaa qaamoota biyya bulchina jedhanii falli kaahame hin jiru.

Waraana Wayyaaneen labseen lubbuun dhala namaa addatti, kan uummata Oromoo yoo xiqqaate 3-5 bahaa oolaa jira. Adeemsa ajjeechaa kanaarraa Wayyaanee matumaa duubatti jechaa kan hin jirre dha.Waraanni Wayyaanee dubartii Oromoo ulfa kan taate Ayyaantuu Moohaammad irra balaan guddaan waraana Wayyaaneen dhiyeenyuma raawwatee jira.

Hidhaaf doorsisi ilmaan Oromoo keessattuu dargaggoota Oromoo humna barate irratti jabaatee jira. Kunis akka waan furamaa jiruutti afaaniin Wayyaaneen biraa dubbatamus dhugaan jiru garuu ittuu jabaatee jira.

Rakkoowwan uummataa wal xaxaa deemuu fi ittuu hammaataa adeemaa kan jiruun atti, furmaata dhabiinsaatti deemuun nagaa fi jireenya Biyyattiif yaaddeessaa ta’ee jira. Furmaata argamsiisuuf ammallee mootummichi qophii ta’uu dhabuurraa, namoota gaaffii karaa nagaa gaafatan ajjeesuu, hidhuu, reebuu, torchii gochuu gad-jabeessuun manneen hiraarsaa haaraa ijaarsisuurratti yeroo argamu, dararama uummaticharratti dhaqqabaa jiru ittuu guyyaa guyyaan hammeessaaf yaaddeessaa ta’aa dhufe.

Namoonni hogganummaan muudamanis rakkoo uummataa furuuf qophii ta’uu irra caalaatti afaanfajjii uumuu irratti xiyyeefatanii jiru.

Rakkoo daangaa Oromiyaa fi Somaalee irratti ka’ee ummanni Oromoo kumaatama dhibbaan buqa’e furuu irra Ogaadeen Somaalee lafa isaanii irraa bu’qan deebisanii lafa dhaloota isaanitti qabachiisuuf waadaa warra Somaaleef yeroo galan argama,ammo fallaa kanaan Oromoo lafa isaa irraa buqa’e qe’ee dhaloota isaa irraa fageessanii bakka biroo qubachiisuun lafa isaa dachii Oromiyaa dabarsanii naannoo Somaaleef kennaniiru, Do’annaa isaanii magaalaa Ambootti ta’e irratti ilmaan Oromoo bara baraan Wayyaanee TPLF ykn OPDOn dhiigi isaanii lixa Shaggarii fi addattis Amboo keessatti dhangala’aa ba’e,kanneen qaamaa hirdhatanii fi bakka buuteen isaanii dhabame hundaaf osoo Beenyaa tokko illee hin kafaliin, ummata lafti irraa fudhatameef lafa keessan isinii deebina osoo hin jedhiin,bishaan Amboo kan kubaniyaa TPLFn dhuunfatame Oromoo harka Oromoo galchina hin jedhiin goyyomsaa siyaasaan Aboon biyya New York fakkaatti jedhanii qoosaa tolchuun ummatatti feezaniiru.

Ammos olola ummata Oromoo irrati labsanii waraanni ummata Oromoo rakkisaa osoo jiruu haal duree tokko malee yeroo labsii waraanaa kana dheereffachuuf jecha tooftaa adda addaa baasaa jiru. Ummata Oromoo dukkana siyaasaa biroo keessa galchuuf jecha abdii hin jirre kennuufii eegalanii jiru, haalli kun ammo waan qabatamaa lafa irratti argamu guutuu rakkoo sabaa, gaaffii uummataa deebisuuf qophii kan hintaane ta’uun hubatamaa dha.

OPDO jaarmiyaa waakkattuudha. Waakkattuu harka waa eeguun, of gowwomsaa jiraachuudha. Yeroo kamuu qaama akka jaarmiyaatti waakkatu kanarraa jijjiirama eeguun Oromoo irraa hinfeesisu. OPDO utuu muummicha Ministeeraa hin ta’in “kan biyya kana bulchu Muummicha Ministeeraati” jechuun waakkatu. Daba gurguddaa uummatarratti raawwatameef namicha Muummee Ministeeraaf sabasaa akka ta’etti waakkachuun, ofii qulqulluu of gochaa turan. Gariin uummata Oromoos kana dhugaatti fudhatee adeemaa turu iyyuu jala muree Addi Bilisummaa Oromoo ABO’n, badii ummatarra gahaa tureef jiruuf caasaan Wayyaanee kamuu akka itti gaafatama fudhatu eeraa ture ittis jira.

Kanaaf yeroo muddama ummanni Oromoo tooftaa haaraan hacuucamuuf ka’etti murteen HR128 furtuu siyaasaa biyyatti ta’ee ummata Oromoo balaa irraa baraaruu ni mala. Jedhee waan amanuuf Qeerroon Bilisummaa Oromoos gaaffii uummata Oromoo deebisuuf daandii nuu ta’uu mala kan jedhuun ejjennoo hedhuun, murtee mana maree Ameerikaa HR128 guutummaa guutuutti nii deggara.

Obsi qabeessi ummanni Oromoo fi qabsaawoti Oromoo injifannoowwan argaman kanneen ofitti simachuun caalaatti galma akeekkame gahuuf mirgasaaf falmachuuf gaaffii haqaa gaafachuuf saamamuu, ajjeefamuu jalaa bahuuf hanga abbaa biyyummaa mirkaneeffannutti qabsoo itti jirru irraa akka hinlaffanne Qeerroo Bilisummaa Oromoo waamicha isaa dabarsa.

Injifannoon Uummataa Oromoof

Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ebla 12,2018

Loading...

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here