Ibsa Ejjenno0 Qeerroo D/Doolloo Haala yeroo irratti

0
130

(OP)Adoolessa 24,2018) Waggoota 150 oliif uummatni Oromoo qabsoo sirna cunqursaa fi garbummaa ofirraa finciluuf hanga guyyaa har’aatti aarsaa ulfaataa gumaachaa as gaheera. Ta’us sirni abbaa Irree kun bifaa fi kallattii adda addaan nu irratti jijjiiramaa har’a gahee jira. 

Keessuma yeroo ammaa Oromiyaa gara Lixaa irratti ajjeechaan, reebichi, saamichii fi arrabsoo gadheen ummata keenya dararaa jira. Deddeebiidhaanis reeffa keenya awwaallachaa, madoo keenya suphaa obsa fixannaa keessa seennee jirra.

Gocha duguuggaa sanyii nu irratti raawwatamaa jiru kana balaaleffachuuf ummatni D/Doolloo guyyaa 19/11/2010- 22/11/2010 ykn 26/07/2018-29/07/2018 tti guyyoota 4 (afur) walitti aanan sirna Laguu Gabaa (market boycott) geggeessuuf qophii xumuree jira.

Kanaaf Onootni Godina keenyaa, godinaaleen ollaa keenyaa fi guutummaan Oromiyaa deggersa Lubbuu darbu ni mormina jedhuuf akka nu cinaa hiriirtan waamicha Oromummaa isiniif taasifna.

Qabxiilee Mormii kanaaf Bu’uura ta’an

1. Oromiyaa keessatti qaamni mootummaan hidhachiise hawaasa nagaa ajjeesuu irraa akka of qusatu,
2. Labsii yeroo muddamaa beekamtii hin qabneen hawaasa jireenyaaf fiigu ajjeesuu, reebuu, saamuu,
3. Maqaa ABO fi WBO deeggartu jedhuun hawaasa nagaa miidhuu,
4. Faajjii ykn Alaabaa Lubbuu, Lafee fi Dhiigni safara hin qabne itti badeef mararsiifannaa sabni agarsiifatuuf hawaasa dararuu,
5. Waajjiraalee fi mana nama dhuunfaa seenuun doorsisuu fi qabeenya saamuu,
6. Ta’e jedhanii hawaasa sodaachisuuf boombii nama nagaatti darbachuu fi dhukaasa naasisaa magaalaa keessatti deddeebisanii dhukaasuun dirree waraanaa fakkeessuu,
7. Qaamni madaa’ee fi miidhame qor-qalbii fi dinagdeen akka miidhamuuf maqaa Rifeerii jedhuun dararuun nu irraa akka dhaabbatu.

Oromoon akkasumas hawaasni D.Doolloo kaleessas, har’as ABO dha. WBO cinaa ni dhaabbatna.

Loading...

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here