(Ibsa ABO Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisuun)

0
245

Gootota Oromoo fi Ebla 15

(Ibsa ABO Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisuun)

(SBO/VOL – Ebla 13,2018) Biyyootni fi Sabootni hundumtuu Gootota seenaa isaanii keessatti waan jajjabduu biyyaa fi Ummata isaaniitiif dalaguudhaan yaadataman ni qabu. Gootummaan humna, qabeenya, beekumsaa fi lubbuu ofii illee dabalee dantaa dhuunfaa ofii caalaatti dantaa Saba ykn. biyyaaf oolchuudhaan dantaa biyyaa fi Saba ofii tiksuu danda’uu dha. Biyya ykn. Saba kamuu keessatti oggaa balaan ykn. rakkinni yookaan ammoo weerarri alagaa kan jireenya biyyaa fi Ummataa yaaddoo jala galchu mudatutti kan dura bu’ee biyyaa fi Ummata balaa irraa ittisuuf wareegama baasu Gootota. Kanaafis Goototni wabii jireenya Sabaa ykn. biyyaa ti jechuun ni danda’ama. Goototni biyyaa fi Ummata isaaniitiif Ulfinaa fi Gaachana. Waan taheefis Sabootnii fi biyyootni hundumtuu Gootota isaaniitiif kabajaa ol’aanaa kennu. Guyyaa Goototaa jechuudhaanis Gootota seenaa isaanii keessatti waan jajjabduu dalaganiifii dabran guyyaa itti yaadatan guyyaa beekamaa Sabootni/biyyootni adda addaa ni qabu.

Seenaa Ummata keenyaa keessattis Sabichi biyya ofii irratti Bilisummaa fi Walabummaan isaa tikfamee nagaa, badhaadhinaa fi kabajaadhaan akka jiraatuuf weerara alagaa irraa ittisuuf Gootota dura bu’anii lubbuu ofii wareegamaaf dabarsanii kennaa turan Oromoon kumaa-kitilaan qaba. Isa achi fagoo dhiisnee kan as dhihoo irraa yoo eegalle, walakkeessa jaarraa 19ffaa yeroo duulli Atsee Teediroos karaa Kaabaa Oromoo irratti banamee kaasee hanga gaafa Oromoon gargaarsa warra Awroppaa fi caalmaa meeshaa waraanaa ammayyaatiin injifatamee sirna bittaa Alagaa jalatti kufuu mudatuutti Oromootni Bilisummaa fi Walabummaa isaanii tikfachuuf gootummaadhaan weerara alagaa dura dhaabbatanii dhuman kumootaan osoo hin taane miliyoonotaan kan lakkaawaman tahuu seenaan ragaa baha.

Erga sirna bittaa ykn. ‘colony’ alagaa jalatti kufees Ummatni keenya jireenya gabrummaa amanfatee fi tole jedhee rafee hin bulle. Yeroo fi bakkoota gara garaatti haala isaaf mijate hundatti dhimma bahee waan danda’uun alagaa biyya isaa humnaan weeraree qabate of irraa kaasuuf yaalii addaan hin citin gochaa ture. Yaalii bifa kanaan yeroo fi iddoo adda addaatti Goototni Oromoo sirna bittaa alagaa mormuudhaan gochaa turan keessaa kan Raayyaa, Daawwee fi Baalee, akkasumas, sochii Waldaa Maccaa fi Tuulamaa akka ragaatti kaasuun ni danda’ama.

Sochii Ummatni Oromoo Bilisummaa fi Walabummaa isaa deebisee gonfachuuf bifa adda addaatiin geggeessaa ture keessaa kan dhalate Addi Bilisummaa Oromoo erga bu’uureffamees Sab-boontoni, Hayyootnii fi Goototni ilmaan Oromoo kutatoon Addicha jalatti hiriiruudhaan Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa mirkaneessuuf wareegama ulfaataa baasaa yoona gahan.

Ummatni Oromoo wareegama Goototni ilmaan isaa Bilisummaaf baasan kana akka Sabaatti beekee fi ulfina malu kenneefii bara baraan akka yaadatuuf bara 1984tti Addi Bilisummaa Oromoo Ebla 15 Guyyaa Gootota/Wareegamtoota Oromoo jechuudhaan moggaasee labse. Yeroo sana irraa eegalee Guyyaan Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo tahuudhaan waggaa waggaadhaan miseensotaa fi deggertoota Addichaatiin yaadatamee fi kabajamee ooluu jalqabe. Suuta suutaanis kan Ummata Oromoo hundaa tahe.

Ebli 15 akka Guyyaa Gootota Oromoo tahu kan filatameef sababa quubsaa fi seena-qabeessa qaba. Ebla 15, bara 1980tti Goototni ilmaan Oromoo kanneen Adda Bilisummaa Oromoo bu’uuressuu fi hoogganuu, akkasumas, Dirree Qabsoo Hidhannoo saaquu fi Waraana Bilisummaa Oromoo gadi dhaabuu keessatti qooda ol’aanaa qabaachaa turan (Hayyu-Duree fi Itti Aanaa isaa dabalatee) fi qondaalotni waraanaa fi dabballootni gameeyyiin kan keessatti argaman namootni 10 dirqama qabsoo ol’aanaadhaaf osoo amna irra jiranii bakka fi yeroo tokkichatti wal-faana wareegamanii boolla tokkotti awwaalaman.

Kunis kan tahe, Gootowwan sun balaa ulfaataa fi suukanneessaan kan Tokkummaa Saba Oromoo qormaata hamaa keessa galchuu danda’u oggaa isaan mudatetti Tokkummaa Oromummaa filachuudhaan addaan bahuu didanii waliin wal irratti dhumuu filachuu isaaniitiini. Akkanaanis naannoo dhalootaa, Gosaa fi Amantii caalaa kan walitti nu qabu Tokkummaa Oromummaa keenya tahuu dhaloota hegereef barnoota bara baraa kennanii Siidaa Tokkummaa keenyaa dhiigaa fi lafee isaaniitiin gadi dhaabanii ofii dabran. Kunis kan tahe lafa har’a Bulchiinsa Naannoo Somaalee jedhamu keessatti kan argamtu iddoo Shinniiga jedhamtutti.

Akka kanaan kan jalqabe seenaan Guyyaa Gootota Oromoo yeroo ammaa Ummata Oromoo hunda biratti (biyya keessaa fi biyya alaattis) guyyaa Oromoon Gootota ilmaan isaa Bilisummaa fi mirga Abbaa-biyyummaa isaa kabajsiisuuf wareegaman hundumaa itti yaadatee oolu tahee jira. Kanaaf, guyyaa kana (Ebla 15) Gootota Oromoo kanneen mirga Saba Oromoo kabajsiisuuf wareegama adda addaa baasan hundumaa yaadanna. Yaadachuu qofas osoo hin taane akeeka Gootowwan keenya wareegamaniif (Bilisummaa fi mirga Abbaa-biyyummaa Oromoon Oromiyaa irratti qabaachuu qabu mirkaneessuu) galmaan gahuuf waadaa keenya itti haaromsanna.

Har’a Guyyaa Gootota Oromoo kan bara 2018 (Ebla 15 2018) oggaa kabajannu haala Qabsoon Bilisummaa Oromoo kan Goototni keenya itti wareegamaa asiin gahanii fi har’as itti wareegamaa jiran har’a keessa jiruun wal qabsiisnee wanneen armaan gadii wal qaabachiisuun barbaachisaa taha:

• Har’a waa’een Gaaffii Saba Oromoo (Qabsoo Bilisummaa Oromoo) hawaasa Addunyaa biratti ifatti dhageeytii horachuu eegalee jira. Gaaffiin Ummatni Oromoo sirna bittoota Itoophiyaa irraa qabu alagaa biratti ifa tahee jira. Oromoon Bahaa-Dhihatti, Kaabaa-Kibatti, kan alaa fi biyya keessaa wal dhagahee fi wal quba qabaatee tokkummaadhaan Gaaffii Bilisummaa dhawwaaquutti jira. Keessattuu sochiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo sadarkaa
Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi guutuu Impaayerattii bira taree Ummatoota cunqurfamoo Addunyaa biroof illee fakkii tahuu eegalee jira. Akkanaanis farra dimokiraasii fi farra Bilisummaa Ummatootaa kan tahe hundeen sirna cunqursaa Impaayera Itoophiyaa raafamee kufuutti jira.

• Qabsoon Bilisummaa Oromoo sadarkaa har’a dhaqqabe kana gahuu kan danda’e dhiigni Gootota keenyaa baroota dheeraaf itti dhangala’ee, lafeen isaanii itti caccabee, lubbuun jijjiirraa hin qabne kumaa-kitilaan itti wareegamee ti. Haa tahu malee qabsoon kunis tahe wareegamni qabsichaaf baafamu har’as akkuma itti fufetti jira. Qabsoo sadarkaa xumuraa irra gahe kana murannoo fi dammaqiinsa ol’aanaadhaan daran finiinsanii galii isaatiin gahuudhaan Wareegama Gootota keenyaatti firii gochuu fi Gumaa isaanii Bilisummaadhaan baasuun dirqama sab-boontotaa fi qabsaawota ilmaan Oromoo hundaa tahuu jabeessinee of irratti beekuu barbaachisa.

• Kanaafis, jijjiirama kijibaa fi fakkeessaa kan har’aan tana mootummaan Itoophiyaa kan EPRDFiin hoogganamu ittiin Ummata keenya gowoomsuu barbaaduu fi olola maqaa “Itoophiyummaa” jedhuun Akeekaa fi Kaayyoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan haqaa busheessuu fi gara dabarsuuf bal’inaan oofamu dammaqiinsa cimaadhaan irratti qabsoofnee irra aanuu danda’uun Wareegama Gootota keenyaatti firii gochuuf dhimma murteessaa dha.

• Waan hundaan olitti kanneen Gaaffii haqaa Sabni Oromoo Bilisummaa isaatiif kaasee baroota dheeraaf wareegama ulfaataa itti baasaa jiru kana afaaniin sirrii dha jechaa fi Oromoodhaaf waan yaadan of fakkeessaa hojiidhaan garuu Qabsoo Oromoo galii isaa hanqisuuf yookaan Galii isaa irraa maqsuuf diina wajjin Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti shira xaxan itti dammaqanii akeeka cubbamaa isaanii kana harkatti doomsuun dirqama yeroon gaafatu dha.

• Ummatni Oromoo waliigalatti fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo addatti namootaa fi murnoota qaama Qabsoo fi qaama Qeerroo Bilisummaa Oromoo fakkaatanii Qeerroo dhabamsiisuuf hojjetan itti dammaquudhaan qulqullina fi ititia Mooraa Qabsoo Bilisummaa cimsuun haalaan barbaachisaa dha.

Maayyii irratti, Kaayyoo fi akeekni qabsoo Gootowwan keenya wareegamaniif Ummatni Oromoo Bilisummaa fi Walabummaa akka Sabaatti qabaachuun isaaf male qabsoo isaatiin akka gonfatuufi. Sabni keenya mirga Sabummaa isaa ol’aanaa kana yoo harkatti galfate malee hacuuccaa fi rakkina siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa jaarraa tokkoo fi walakkaaf irratti fe’amee jiru kana jalaa bahuuf wabii hin qabaatu. Waan taheef, ilmaan Oromoo Gaaffii haqaa Saba Oromoo kan Bilisummaa fi mirga Abbaa-biyyummaatti amanan hundi galma gahiinsa Qabsoo Biisummaa Oromoo dhugoomsinee wareegama Gootota keenyaatti firii gochuudhaan gumaa isaanii Bilisummaadhaan baasuuf bakka jirru hundaa qabsoo haa finiinsinuun dhaamsa Adda Bilisummaa Oromoo ti.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !
Injifannoo Ummata Oromoof !
Adda Bilisummaa Oromoo
Ebla 13, 2018

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here