Humna_Ittisa_Uummata fi Waraana Wayyaanee Gidduutti loli hamaan gaggeeffama jira.

BREAKING NEWS ODUU

#OromoRevolution Muddee 31/2016 #Aanaa_Gindabarati#Dhukaasni_duubdeebii_qabu #humna_Ittisa_Uummata fi Waraana Wayyaanee Gidduutti gaggeeffama jira.
———————————————–
Gidduugaleessaa Oromiyaa Godina Lixa Shaggar Aanotaa akka Amboo (Waddeessa), Ilfataa, Jalduu, Gindabarat, Midaa Qanyii Gara Daangaa Horroo Guduruu gidduutti Waraanni Wayyaanee maqaa Sakkatta’insa humna Addaa hidhatee riphee nu waraanaa jiru sakkaatta’uu jedhuun baajata guddaa baasuun humna waraanaa Komaandii Poostii baadiyaa keessaa bobbaasuun waan qabee gadhiisuu dhabee of ijjibbaata jiraachuu fi uummata Aanoota kanaa goolaa akka jiru gabaasuun keenya ni yaadatama.
Guyyaa har’a galgala kana Aanaa Gindabarati Waraanni Wayyaanee uummata akka malee Shororkeessa kan jiruu, guyyaa lama dura wayyaaneen waraanna agazii oraalii 9 naannoo Gindabarati bakka qarree doobbii fi Gamoojjii Gindabaratitti geessee ture. Haa ta’uu malee yeroo ammaa kana dhukaasaa guddaa duubdeebii qabutu gaggeefama jiraachuu jiratootni ibsan.waraanni harka caaluu Magaalaa Kaachiisi keessaa qophatee uummata goolaa jiraachuunis ifa ta’ee jira. Sochii waraana wayyaanee fi duula sakkatta’iinsa godhamaa jiruu kana jala ba’uun maddeen Qeerroo Godina Lixa Shaggar kan gabaasan ta’uufi gabaasaa baldhaan kan walitti deebinu ta’uu dhaammaatna.
Injifannoon Uummata Oromoof!!

Share this post

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

scroll to top
}