Hidhaa, Ajjeechaa fi Saamicha Bu’aa Caamsaa 20 // Baarentuu Gadaa Irraa//

Baarentuu Gadaa Irraa//

Wayyaaneen waggaa- waggaan  Caamsaa 20ni guyyaa bilisummaati,
walqixummaa fi dimookiraasiin saboota itti dhugoome jettee erga
sirbitee humnaan nama sirbiisiisuu eegaltee oolee buleera. Caamsaan
bara kanaas( 2017) waggaa 26ffaadha.   Wayyaaneen baranas  dhiphuu
hamaa keessa jirtu kana haguuguuf fakkeessif  sirna kabajaa gaggeessuf
bakka bakkatti daasii dhaabaa jirti. Akkuma sirba giddii jedhamu san
dibbeen fakkeessii Wayyaanootaa fi lukkeelee isaanitiin Tigraayii-
Finfinneetti reebamaa jira.  Keessumaa miidiyaaleen  tajaajiltuu
sirnichaa ta’an maqaa guyyaa kanaatin bu’aalee argaman jechuun dhugaa
turee fi jiru dhoksuun wayyaanee faarsaa jiru. Hololli gaggeessaa
jiran hedduudha. Haa ta’uutii Caamsaa 20ni akka jedhamaa jiru guyyaa
walqixxummaan, mirgi  dhala namaa, nageenyi, fi miisoomni sabootaa
itti mirkanaawe odoo hin ta’in Caamsaa 20ni guyyaa saboonni biyyattii
keessumaa ummanni Oromoo gabrummaa caaluf itti saaxilame  waan ta’eef
ummata biratti akkaan balaaleffatamaa jira.
Uummattoonni Itiyoophiyaa keessumaa ummanni Oromoo  erga caamsaa 20
bara 1991ti asii hidhaa,dararaa,ajjeechaa fi saamichi dorgomaa hin
qabneef saaxilamee manakaraa  jira.  Kanarraa ka’uunis ummanni Oromoo
murna maqaa sabaa fi sablammootaatin daldalaa jirtu Wayyaanee murna
weerartuu, abbaa irree, saamtuu sadarkaa hinqabnee ta’uudhaan beeka.
Dhugaan jiruu fi  kan waggoota 26n darbaniif Impaayeera Itiyoophiyaa
keessatti muldhachaa turee fi jirus kanuma.
Murni maqaa  misooma, bilisummaa, walqixummaa, dimookiraasii fi
nageenya waaraa fide jettee waggoota 26f  darbaniif kakachaa turtee fi
jirtu tun kan ittiin kakachaa turtee fi jirtu  kana keessaa
takkolleen hojiirra hin oolchine, ykn hin dhugoomsine.  Har’a
biyyattii keessa nageenyi, misoomni, dimookiraasiin fi waliqixummaan
irraa hololamaa turee fi jiru gongumaa hin jiru. Dhugaan akkasii yoo
laabraatoorii Wayyaanee keessa jiraate malee biyya Wayyaaneen bulchaa
jirtu Itiyoophiyaa keessa  hin turres, hin jirus.  Funduraafis
bulchiinsa wayyaanee jalatti mirgi ummattootaa ni kabajamaan,
saamichi, ajjeechaa fi dararaan ni dhaabbataan waan hin yaadamneedha.
Odoo waayeen guddinaa fi dimookiraasii haasa’amuu waggoonni  26 gatii
malee hafaniiru.  Bakka guddinaa fi dimookiraasii kan waggoota 26n
darbaniif bulchiinsa wayyaanee jalatti saare  ajjeechaa, hidhaa fi
dararaa akkasumas gadadoodha. Keessumaa gama nageenyaatin wayyaaneen
Ummata Oromootti waraana liyyuu hayil jedhamu gama sumaaleetiin, gama
gaambeellaa fi beenishaanguliin, gama Affaariin  hidhachiiftee  itti
bobbaaftee goolaa turte. Ajjeefamaa, dararamaa, qayee fi qabeenya
isaarraa buqqifamaas tyre. Jiras. Beellis yoo xiqqate Oromiyaa
keessatti waggaa waggaan nama mil 10 ol daraaraa jira. Walumaa galatti
Oromoon bara bittaa wayyaanee kana keessa   keessumaa ammoo waggoota
2n darbanii as  Ilmaan isaa  mirgaa fi dimookiraasii isaaf qabsaawaa
turan kumootaan ajjeefamaniiru, kuma kurnootaan mana hidhaatti
darbatamaniiru. kan hafan ammoo biyyaa godaansifamaniiru.
Egaa murni qaanii fi  maal naan jedhanii hin beekne Wayyaaneen  xurii
kana mara baattee  akkuma kanaan dura mi’eeffatte baranas  waayee
gaarummaa Caamsaa 20 hololuuf yaalaa jirti. Murni tun  guyyaan kun
guyyaa bilisummaa, walqixxummaa, nageenyi,fi misoomni itti
mirkanaawees jettee odeessitee akka odeeffamuuf yaalaa jirti.
Keessumaa bara kana oduu akkanaa ija dhaqattee gadiin bahuun qaanidha.
Ishiin garuu qaanii tokko malee nutti hololaa jirti.  Dhugaan lafarra
jiru garuu faallaa kanaati.
Akkuma beekamu  har’a  FXG ummanni Oromoo gaggeessaa jiru Murna tana
dhiphuu hamaa keessa galchee jira.  Biyyatiinis yeroo ammaa kana
labsii yeroo muddamaa jala jirti.  Ummanni  kunoo meerre misoomni
jettan, meerre nageenyi jettan, meerre walqixummaan jettan, erga
nbageenyii fi guddinni jiraatee, erga dimookiraasiin jiraatee maaf
bulchiinsa waraanaa jalatti manakaraaraa jirra, maaf waraanni komaandi
postiin ajajamu nu ajjeesaa jira jechaa jira.  Wayyaaneen kanaaf
deebii hin qabdu.  Bakka kun deebii hin arganeetti ammoo maqaa
walqixuumaa fi dimookiraasii akaksumas nageenyaa fi misooma jedhuun
holola fokkisaa gaggeessun of gowwoomsuudha. Wayyaaneen of gowwoomsaa
jirti.  Hololli gaggeeffamaa jirus ummata biratti keessumaa ummata
Oromoo biratii fudhatamaa waan dhabeef kunoo maqaa lafa duraan qonnaan
bulaarraa maqaa invatsimamtiin fudhatame deebisaa jirra jechuun holola
sobaa gaggeessaa jirti.
Caamsaan 20ni bara kanaa ummattoota itioophiyaa keessumaawuu ammoo
ummata Oromoo biratte kan dur caalaa fudhatama dhabeera.  Ummata
Oromoo sirna kana ofirraa buusuuf qabsoo hadhooftuu gaggeessaa jiru
birattii mitii isaanuma wayyaanootaa fi ergamtoota sirnichaa kanneen
akka OPDO, DHDN,BADN birattuu qabbaneeffamaa jiraachuu keessa
beektoonni saaxilaa jiru.  ergamtoonni kun gabaasa dhiheessaa jiraniin
ummanni ennaa waamame dhufuu dide, yoo dhufes akka dua’a gahiitti
taa’ee baha malee nu hin dhagahu jechaa jiru. kanarraa ka’uunis akka
dur daasii dhaabanii Oromiyaa keessatti “Imber Tegaadaalaayi” sirbuun
barana ulfaateera.
Oromoon  sababa Caamsaa 20 sababeeffatee sirbuuf hin qabu. Caamsaa
20ni Oromoof  wanti  fide  yoo jiraate hihaa, dararaa, ajjeechaa,
qayee fi qabenyarraa buqqifamuu dha, Saamichaa fi beela dorgomaa hin
qabnee dha. Walumaa galatti Caamsaan 20n Oromoof guyyaa Gaddaa malee
guyyaa gamamachuutii miti. Sabaa fi sablammoonni nageenya,walqixxummaa
fi guddina argatanis hin jiran. Kan Itti duroome, kan itti jiraachaa
jiru  isaanuma wayyaanoota. Kanarraa ka’uun guyyaan kun guyyaa
gabroonfattootaati malee guyyaa saboota cunqurfamoo miti. Kan hundumaa
raawwatuu fi raawwachiisu wayyaanoota  Dhalattoonni Tigraayi.   Egaa
dhugaa kana hubachuun  saboonni  biyyattii keessumaa kan cunqursaan
itti hammaate ummanni Oromoo  holola diinaa kanaaf gurra kennuu
dhiisee qabsoo isaa finiinsuun dubbii fardiidha.
Kan kanarraa hafe ani Oromoodha ofiin jechaa kanneen Wayyaanee jala
fiiguun guyyaa gabrummaa kana akka guyyaa bilisummaatti dhaadheessan
yoo adaba godhatan isaaniifis ummata Oromoofis dansaadha. Kan lakkii
jedhe ammoo ummanni Oromoo  keessumaa qeerroon akka adabbii madaalawaa
kennuuf shakkiin hin jiru. Warra guyyaa kana isarratti ayyaaneeffatus
ta’e jela fiigu haxayee ofirraa baasuf  akkuma qabsaawaa ture, qabsoo
isaa finiinsee itti fufuun akka caamsaa 20 baranaa kana caamsaa
xumura  godhu walnama hin gaafachiisu.   Kan ta’uu qabus kanuma.

Leave a Reply

}