Gootichi WBO zoonii kibbaa injifannoo cululuqaa galmeesse.

1
98

Gootichi WBO Zoonii Kibbaa guyyaa har’aa Bitootessa 13,2018 waraana wayyaanee humna dabalataaf gara Mooyyaleetti konkolaataa 4n sossohaa ture irratti tarkaanfii boonsaa fudhatuun 50 ol ajjeesee injifannoo cululuqaa galmeesse.

(SBO/VOL – Bitootessa 13,2018) Irree fi gaachanni ummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa keessa sossohu haleellaa diina irratti fudhatu cimsee itti fufuun, guyyaa har’aa Bitootessa 13,2018 waaree booda sa’aa 2:00 gubbaatti waraana wayyaanee humna dabalataaf gara Moyyaleetti konkolaataa 4n sossohaa ture Ona Moyyalee araddaa Illaamuu bakka Karbattee Bonayyaa Walee jedhamutti haleeluudhaan waraana wayyaanee konkolaataa sadii guutuu daaressuun loltoota 50 ol ajjeesuu fi hedduu madeessuu Ajaji WBO Zoonii Kibbaa beeksiseera. Lakkoobsi waraana wayyaanee du’anii dabaluu akka danda’us eerameera.

Sababa ummatni Oromoo Godina Gujii Lixaa karaa Asfaaltii cufeef, waraanni wayyaanee akka humna dabalataatti konkolaataa 4n Mooyyaleetti sossohaa ture kun karaa Nageellee, Liiban, Malkaa Gubaa irraan halkan edaa Ona Borbor seenuun diirama kana karaa Irdarii irraan Mogorree Ona Bayyanaa ykn Mogorree Wasankililiin karaa Asfaaltiitti deebi’uun gara Moyyaleetti osoo sossohaa jiruu ti kan haleelame.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa Bitootessa 12,2018 halkan magaalaa Moyyalee keessatti waraana diinaa kan paatiroolii irra turee konkolaataa guutee gara mooraatti deebi’aa ture walakkeessa magaalaa Moyyalee naannoo Mannaaraatti tarkaanfii jabduu irratti fudhateen 10 yeroo ajjeesu, 15 ol ammoo madoo taasisuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Loading...

1 COMMENT

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here