Gootichi WBO Godina Dhiha Oromiyaa Jeneraalotni wayyaanee lama kan keessatti argaman diina 18 ol hojiin ala godhe.

0
27

Gootichi WBO Godina Dhiha Oromiyaa Bitootessa 14,2018 Lixa Wallaggaa Garjeeda keessatti tarkaanfii waraana wayyaanee irratti fudhateen Jeneraalotni wayyaanee lama kan keessatti argaman diina 18 ol hojiin ala godhe.

(SBO/VOL – Bitootessa 16,2018) Irree fi gaachanni ummata Oromoo WBOn Godina Dhiha Oromiyaa keessa sossohu Bitootessa 14,2018 Godina Qellem Wallaggaa Ona Gidaamii ganda Laaloo Garee iddoo Heennaa jedhamutti guyyaa keessaa sa’aa 10:30tti tarkaanfii waraana wayyaanee konkolaataa lamaan deemaa ture irratti fudhateen Jeneraalotni waraana wayyaanee lamaa fi tiki olaanaan tokko kan keessatti argamu loltoota diinaa 18 ajjeesuu Ajaji WBO Godina Dhihaa oduu tarkaanfii boodana SBOf ergeen ifa godhee jira.

Ajajootnii fi loltootni wayyaanee haleelaman kun konkolaataa pickup lamaan Asoosaa irraa ka’anii gara D.Doolloo sossohaa turuu kan ifa godhe oduun kun, WBOn haxxee hidhuudhaan tarkaanfii laalessaa kana irratti fudhatuu hubachiisa. Konkolaattotni lamaanis daareffamuun addeessameera.

Mootummaan faashistii wayyaanee ajajootnii fi loltootni isaa haleelamuutti rifatuudhaan yeroo ammaa waraana isaa baay’inaan godinichatti bobbaasuun ummata nagaa irratti yakka waraanaa raawwataa jira. Hidhaa fi dararaa dhaqqabsiisuus itti fufeera.

Hidhaa fi doorsisi alagaa qabsoo keenya irraa duuba nu hin deebisu, falmaan keenya hanga bilisummaa fi mirge keenya argannutti itti fufa jechuun ummatni ejjennaa isaa mirkaneessaa jira.

Guyyuma kana WBOn lukkeelee wayyaanee WBO dura akka dhaabbataniif akka badhaasaatti meeshaa waraanaa hidhachiiste irraa Kilaashii 17 ol hiikkachiisuun qabsoof oolchee jira.

Dhuma irratti WBO kanneen meeshaa diinaa ta’uun sochii WBO danquu fi warraaqsa ummataa gufachiisuuf diinatti hidhatanii faallaa deemaa jiran gocha isaanii abaaramaa kana irraa yeroon akka deebi’an hubachiisaa, didanii kan itti fufan yoo ta’e garuu waan isaan irra gahuuf gaafatamaan matuma isaanii ta’uu akeekkachiiseera.

WBOn Zoonii Kibbaa Bitootessa 13,2018 waaree booda sa’aa 2:00 gubbaatti waraana wayyaanee humna dabalataaf gara Moyyaleetti konkolaataa 4n sossohaa ture Ona Moyyalee Araddaa Illaamuu bakka Karbattee Bonayyaa Walee jedhamutti haleeluudhaan waraana wayyaanee konkolaataa sadii guutuu daaressuun loltoota 50 ol ajjeesuu fi hedduu madeessuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here