GAAFFIIN OROMOO OPDO AANGESSUU MITI.

0
76

Qixxeessaa Lammii | Ebla 03, 2018

Akkuma beekkamu waan dhaban irra waan argatanitti haara galfachuun waanuma jiru. waan barbaachaaf manaa bahan dhabanii manatti galuuf hennaa of irra deebi’an harka duwwaa galuu irraa waa harkatti qabatanii galuun beekkamaadha. ifaajanii argachuu fi dhabuu gidduu garaa garumaa guddatu jira jedhanii yaaduun hin barbaachisu. Hamaan ifaajanii dhabuu osoo hin ta’ain sodaatanii ifaajuu dhabuudha. Qabsoo bara dheeraaf ummatni bal’aan Oromoo godhaa ture haraqee shunfurree takkaatiin haqqisuun baay’ee na yaaddesse. Nama erga gara taaytaa mootummaa ol dhufe irraa kaasee Oromoo irratti malee Oromoof hojjatee hin beekne sababuma Oromoo ta’eef qofa taaytaa qabachuu isaaf gammachuudhaan dachee dhiichisaan rifachiisuun natti hin tolle.

Miseensota dhaaba bitamtuu bara 27 guutuu wayyaaneef ijaa gurra taatee ummata Oromoo ajjeechaa fi hidhaan, saaminsaa fi hiraarsaan qaccee kutte har’a qabsoo bara dheeraaf ala irraa qaama biraan geggeeffamee sadarkaa kana irra gahe lafumaa fuudhanii badhaasuu qofa osoo hin taane ittiin faarsuun cubbuu hin taane keessa of naquudha. Abbaan bu’aa kan fide qaama nama fixe osoo hin taane qaama saba isaaf dhume ta’uu qaba. Miseensotni dhaaba kanaa yoom erga dhalatanii ummata Oromoof quuqamanii beeku yaa! Oromoo! Kan Oromoof du’e irra kan Oromoo ajjeesseef kabajaa kennuu fi faarsuun maal irraa madde? Har’a Abbiy faarsuu jechuun wayyaanee faarsuu irraa garaa garummaa hin qabu.

Ilma abbaa dhalche beekanitti abbaa ta’uuf hiixachuun nama dhalchuu dadhabee fi dhati dhibeef mala. Sabni Oromoo ilma gudeedaa kan isaaf jecha bara 40 ol ala bahee alatti dararamaa turee fi jiru yaadachuu dhabuudhaan ilma diinatti cinaa galee diina waliin haadhaa fi abbaa, obboleessaa fi obboleettii irratti boba’aa raphee gubbaa turee fi gubsiisaa ture akka goota biyyaa fi hayyuu sabaatti miidiyaa hawaasaa irratti bahanii faarsuun silaa hin malle. Eenyuun akka filame, eenyuuf akka filame, maaliif akka filame nama beekan waa nuuf baha jedhanii abdii hin malle irra kaahatanii isaan dhaadatuu fi isaaf ragaduun yeroon isaa hin geenne. Dr Abbiyi ilma Mallas malee ilma Oromoo miti. jaalatamuu fi jibbamus eegduu ykn tiksituu sirna Tigrootaati malee kunuunsituu ummata Oromooti jedhanii yaaduu fi abadachuun fayyalumaa daangaa hin qabneedha.

Yaada gara garaa yeroo ammaa filamuu isaa irratti bifa gara garaan kennamu dhageeffadhee hedduu na raaje. Yaada wal dhawaa fi dhamaasaa gara garaattu yeroo ammaa bakka mara irraa bubbisaa jira. Kana hundaaf yeroon isaa akka yaada kiyyaatti hin geenne. Kursii irra taa’uun abbaa haqaa fi quuqamaa ummataa nama hin taaisu. Namni waan barate akka itti baratetti hojitti hiika malee akka ummatni bal’aan itti yaaduu fi itti barbaadutti hojii irra oolchuu hin danda’u. miseensotni dhaaba Tigrootaa cufti muuyaxannoo kan irraa horatan warra sana irraa waan ta’eef yaadaa fi hojiin isaaniis kanaan ala ta’a jedhanii yaaduu fi tilmaamuun baay’ee rakkisaadha.

Hundumaa caalaa kan na raaje suuraa nama kanaa T-shirt irratti maxxansanii akka nama seenaa ajaa’ibaa saba isaaf hojjatee tokkotti maxxanfatanii burraaquudha. Miseensotni dhaaba isaanii yoo godhanis dhugaa qabu. Miseensi isaanii waggaa 27 keessatti yeroo jalqabaaf sadarkaa kana irratti akka nama tokkootti ol bahuun isaniif ijifatnoo daangaa hin qabne. Ummata Oromoo fi saboota cuqurfamoo biraaf ammo faaydaan inni qabuu fi inni fiduu danda’u akka hin jirre gamanumaahuu akeekuun nama hin rakkisu.

Humni, jabinni, ijji, gurri, arrabni ykn arraatni saa Wayyaanee ta’uu dagachuu hin barbaachisu. Garaagarummaan inni muumicha minesteraa duraanii wajjiin qabu Oromoo ta’uu qofa yoo ta’e malee waan muummichi amma fedha isaan aangoo gadhi dhiise hin hojjatin inni hojjatu hin jiraatu. Kuuffiyyaa wayyaanee kan isiin yoo barbaadde godhatu, yoo hin barbaadne of irraa lafa keettu akka ajaa’ibaatti ilaaluun hin barbaachisu. Muka muka itti aanutti hidhan akkuma jedhamu haada Oromoo qabsoo irraa ittiin qabuuf wayyaneen ta’e jettee Oromoof sagataadhaan lafa keettetti dirmanii qabsoo irraa dhaabbachuun gabrummaa hamma dhumaa jalaa bahuun hin dandeenye keessatti gadi of deebisuu akka ta’e beekuu barbaachisa.

Qabsoon Oromoo qabsoo miseensa OPDO tokko aangessuuf bara dheeraaf godhamee fi wareegama qaalii lubbuu namaa kumaatamoota dhibbaan laakkawamu kafalchiise taaytaa rakasa kanaan jijjiiruun salphina hamma dhumaa keessaa bahuu hin dandeenyetti akka harka kennachuu ta’e beekuu feesisa. Kan himu hin dhabamu kan dhagahuti hin jirre akkuma jedhamu sabootni Oromoo bu’aa nama tokkoof jecha rakkoo waloo keessatti of ittisuu irraa of qusatanii gara bu’aa waloo qabsoon argamsiisuutti fuula galuun barbaachisaadha. Hoogganni hara’a hooggana sabaati jedhamee faarfamu gaafa sabni walii gala bahee sagalee mataa isaa itti kennatee filate qofa ta’uu danda’a. Nama Wayyaaneen filate akka nama ummatni filatee tokkotti gammachuudhaan marataanii halkanii guyyaa dhiichisaan lafa balleessuun qabsoo xumura irra geette kana irraa of dhaabuuf morma wadaroo Wayyaanee keessa keewachuudha.

Gaaffiin Oromoo OPDO aangessuu osoo hin taane tokkoo tokkoo dhala Oromoo aangessuudha. Kun ammo kan dhugoomu qabsoo dhugaan malee jijjirama fakkeessii duraa duubni qullaa kanaan miti. jijjirraa haphii alaa keessa argan kanaan sobuu irra jijjiram buqqisaa isa hundee sana fiduuf qabsoo gosa hundaa cimsanii itti fufuu feesisa. Haala amma dhalate kanaan tasgabaahuun dhiiga ilmaan xqqaa laakkofsaan hin beekkamne sana bishaan caalaa rakaseessuu, lubbuu dhala hedduu dhabame gatii dhoorgachuu fi saree duute haqisuu akka ta’e wallaaluu hin barbaachisu. Gumaan wareegama gosa hundaa sababa mirga saba bal’aaf bahe kan kafalamu hawwii fi fedhin ummata Oromoo bakka barbaadame sana irra gahuu yoo danda’e qofa.

Awwaala Mallas irra Abiy sooduu dhaabuun gaaffii saba Oromoo deebisuu hin ta’u. Gabaabatti gaaffiin Oromoo walabummaa fi bilisummaa dhugoomfachuu waan ta’eef dhaaba daandii kana harkaa qabu ABO waliin qabsoo xumura gabrummaa rarraga injifatnoo irra geettee jirtu guudunfuu barbaachisa. Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi WBOn qabsoo dhiibanii sadarkaa dhumaa irraan gahan kanatti xumura gchuuf yoomiyuu caalatti jabaachuu qabu.

Qabsoon itti fufa!

Injifatnoon Ni Dhufa!

Qexxeessaa Lammii Irraa.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here