Dhimmoota Mootummaa Dr. Abiy Gara Kufaatiitti Geessan.

0
127

Dhimmoota Mootummaa Dr. Abiy Gara Kufaatiitti Geessan.
Via: Tulluu Caalii
====================
Mootummaan Dr Abiyyi gama tokkoon waan fudhatama(legitimacy) argate haa fakkaatu malee gama kaaniin gaaffiilee gurguddaatu itti dhihaachaa jira. Kanneen adeemsa mootummaa haaraa kanatti baayyee gammadaa jiran,
1. Gartuu(Trend) Dr Abiyyii fi mootummaan isaa sirna federalism diigee Itoophiyaa durii nuu deebisuutti jira jedhanii mirqaansuu guddaan alaabaa Itoophiyaa durii mirmirsaa jiran dha.
2. Kanneen Dr Abiyyii fi gartuun isaa Wayyaanee(TPLF) waggaa 27 uummata hacuucee bitaa ture karaa irraa maqsaniiru, gartuuu kana gargaarree jiijjirama caalu fiduu dandeenya jedhanii abadatani dha. Dhaabotii mormitootaa biyya keessaa fi alaa baayyeen akkasumas uummati baayyeen hanga ammaatti abdii kanaan deemaa jiru. Namooti hedduun gartuu Dr Abiyyifaaf kan quuddataniif sababa isaan ol aantummaa TPLF didaniif.
Haa tahu malee jijjiiramni dhufaa jiru kallattii kam irra deemaa akka jiru ifaa miti. Haalichi haala bara 1974 yeroo Dargiin aangootti dhufeen wal fakkaata. Dargiin gaafa aangootti bahu falaasama duudaa hiika hin qabne “Yaale minim dam Itoophiya Tikdem” jechuun jalqabe. Uummati harka dha’eef. Dr Abiyyii fi gartuun isaa Ihaadig keessaa ol bahan immoo falaasama “Fiqir, Yiqirtaannaa Maddamar” jedhu qabatanii ka’an. Daadhannoo ho’aan jirus kana dha. Dargiin akka aangootti ol baheen tarkaanfii mumul’ataa akka labsii lafaa fudhate. Yeroo yeootti labsii haaraa baasuudhaan qalbii uummataa rarraasaa ture. Uummati jijjiirama buqqaasaa abdiidhaan Dargii irraa eeggataa ture. Dargiin akka kanaan osoo uummati abdiin eeguu gangalchaa bahee waggaa 10(kudhan) booda Paartii Isappaa jedhutti of jijjiiree sirna abbaa irree Paartii tokkoo seeraan labsate.
Haallan mootummaa Dr Abiyyi qormaata keessa galchanii kufaatiif isa afeeran warra gurguddoo keessaa
1. Erga Dr Abiyyi gara aangootti dhufee as mootummaan federaalaa, OPDO fi mootummaan naannoo Oromiyaa miidhaa Oromoo fi Oromiyaa irra gahaa jiru qolachuu mitii dubbachuu iyyuu lagataniiru. Duula mootummaan naannoo Somaalee Oromiyaa irratti adeemsisaa jiruun wal qabatee dhumaatiin, buqqa’uu fi barbadaa’insi qabeenyaa kara bahaa, kibba bahaa fi kibba Oromiyaa Uummata Oromoo irratti raawatamaa jiru sababa as dhihootti(immediate reason) fincila guddaa Oromiyaa keessatti kaasee mootummaa Abiyyi qoru dha. Waan nama gaddisiisutu baroota duraa alagaan empaayerattii bulchaa turan keessa iyyuu dhimmi Oromoo ulfaataan hanga kana ilaalcha mootummaa dhabee hin beeku.
2. Adeemsa Dr Abiyyi fi mootummaan isaa sabboonummaa Oromoo fi gaaffii mirga hiree murteeffannaa moggaatti dhiibuu itti jiran balaa guddaa harkisa;
3. Maqaa sirni federalism sabummaa irratti hundaa’e rakkoo fide jedhuun mootummichi koomishina ijaaree federalism maqaafuu jiru diiguuf itti deemaa jiru balaa mootummicha qofa mitii biyyattii jeequmsaa fi balaa guddaa keessa buusuuf deemu dha.
Kanaaf akka amma deemamaa jirutti kan itti fufu yoo tahe mootummaan Abiyyi hanguma bara Dargii yeroo jalqabaa sana illee waan fagoo deemuu danda’u miti. Bifa amma jiruun deemnaan sirbi har’a sirbamaa jiru gaddatti akka jijjiiramu gaaffii hin qabu. Hiriira gurguddaa deggersa mootummaaf waltajjii Masqalaa fi bakkoota birootti bahuun waan haara miti. Bara mootummaa Dargii Ayyaana Fulbaana 2 fi kan biroo mootummichi kabajatu irratti uummati Waltajjii Warraaqsaa(Masqalaa) Finfinneetti walgahu lakoobsaan baayyee guddaa ture. Baayyina uummataa irraa kan ka’e bakki xaafii buusan hin turre. Gaafas mana hidhaa keessa ciifnee jabaa haa fakkaatu malee mootummaan kun akka amma deemaa jirutti ni kufa jechaa turre. Waan taheef har’as orma biraa dantaa ofiif jecha harka rukutaa jiraniin deggersa guddaa arganne jedhanii sobamuun gaaffii uummata bal’aa miliyoona 50 olii irra ejjetanii darbuu yaaluun fanjii irra ejjechuu akka tahe hubatamuu qaba. Sabaa fi sab-lammooti biro ofiin of bulchuu dhannamanis tole jedhanii gara sirna Itoophiyaa duriitti deebi’u jedhanii yaaduun gowwummaa dha.
Kanaaf osoo balaa guddaan hin dhufin miidhaa uummata Oromoo irra gahaa jiru hambisuu fi gaaffii uummataaf gurra kennuun baayyee barbaachisaa taha. Dhumaatii Liyyuu Poolisii Somaaleen uummata Oromoo irra gahaa jiruuf furmaati hatattamaa hin argamu taanaan lolli uummataa(civil war) eenyu iyyuu dhaabuu hin dandeenye akka dhufu hunda biratti hubatamee falli barbaadamuu qaba. Akkasumas adeemsi mirgoota qabsoo uummataan argaman kan akka mirga ofiin of bulchuu sabootaa fi sab-lammootaa haquuf deemamu iraa of qusachuun barbaachisaa dha. Uummati Oromoo sirna duriitti deebi’uu utuu hin taane mirgoota isa hafan guuttachuuf qabsa’aa jira. Referendum dimokraatawaa adeemsifamuun yoo barbaade sirna federalism dhaan Itoophiyaa keessatti ofiin of bulchuu yoo barbaade immoo mootummaa walaba ofii ijaarrachuu keesaa hiree ofii murteeffachuuf qabsa’a. Akka amma mul’ataa fi ifatti dubbatamaa jirutti garuu sirni federalism maqaafuu jiru diigamuuf deema. Kun balaa guddaa qaba. Dura dhaabbatamuu qaba.

Loading...

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here