Bu’aa xummuramuu Labsii Yeroo Ariifachiisaa:-

0
189

Bu’aa xummuramuu Labsii Yeroo Ariifachiisaa:-
===================================

Heera Mootummaa Federaalaa keewwata 93 hordofuun, ‘Heera, nageenya fi tasgabbii uummataa eegsisuuf’ Manni Maree Ministeerotaa Fulbaana 28, 2009 Labsii Yeroo Ariifachiisaa kan tume ta’uun ni yaadatama. Yeroo Yeroo Ariifachiisaa kana keessatti, Dambii Onkololeessa 5, 2009 baheen, Komaandipostii fi Boordiin Qorannaa wal ta’uun dalagaa baayyee raawwachaa turaniiru. Dalagaawwan kanneen keessaa namoota kumaatamaan lakkaa’aman, Labsii Yeroo Ariifachiisaa cabsan, jechuun too’ataniiru. Dalagaa kanas, ji’oota kudaniif raawwachaa turaniiru. Adoolessa 28, 2009, sirna seera kabachiisuu baratameen dalagamuun ni danda’ama; jechuun gaaffii dhiyaate Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa fudhatee Labsiin Yeroo Ariifachiisaa dhaabbatee, xummuramee jira.

Barreeffama kanaan, bu’aan xummura Labsii Yeroo Ariifachiisaa namoota Labsii Yeroo Ariifachiisaa cabsan, jedhamanii too’atamanii fi Mana Murtii kamittuu dhiyaatanii murteen balleessuummaa fi adabbii irratti hin kennamne irratti qabu maal akka ta’e qajeelfama bu’uuraa sirna haqaa (fundamental principle of justice system) irratti hundaa’uun ilaaluf yaalameera.

‘Nullum crime; nulla poena sine praevia lege poenali’ jechama seeraa yoo ta’u hiikaa ‘Hanga seerri gochaa dalagame yakka taasisutti, yakkii fi adabbiin hin jiru’ jedhu qaba. Jechamni kun yeroo Warraaqsa Faransaay, jaarraa 18ffaa keessa beekame. Sana booda, qajeelfama bu’uuraa srna haqaa ta’eera. Jechamichi Heera Federaalaa keewwata 22(1), Seeraa Yakkaa keewwata 2(2,3), Labsii Mirgoota Namooma Waliigalaa (UDHR) keewwata 11(2) fi Waadaa Idil-addunyaa Mirgoota Siivilii fi Siyaasaa (ICCPR) keewwata 15 keessatti akka qajeelfama bu’uuraa sirna haqaatti tumameera.

Namni kamiyyuu, himatni yakkaa yammuu irratti dhiyaatu, gochi inni ittiin himatame yeroo raawwatame gochicha raawwachuun yookin raawwachuu dhiisun yakka ta’uun isaa seeran kan tumame yoo ta’e malee hin adabamu; Heera Federaalaa keewwata 22(1).

The Court may not treat as a crime and punish any act or omission which is not prohibited by law. The Court may not creat crimes by analogy; Seera Yakkaa keewwata 2(2,3).

No law, made after the fact is done, can make it crime for before the law there is no transgression of law; Labsii Mirgoota Namooma Waliigalaa keewwata 11(2).

No one shall be gulity of any criminal offence on account of any act or omission which did not constitute a criminal offence …; Waadaa Idil-addunyaa Mirgoota Siivilii fi Siyaasaa keewwata 15.

Qajeelfama bu’uuraa jechamaa fi seerota armaan olii keessatti, jechoonni ‘seera’, ‘yakka’ fi ‘adabbii’ iddoo guddaa qabu. Barreeffama kanaan, Labsiin Yeroo Ariifachiisaa akka seeratti; gochaawwan labsii kanaan dhorkaman yookin osoo hin raawwatamin hafan akka yakkaatti; yoo lakkaa’aman, murteen balleessummaa namoota Labsii kana cabsan irratti keennamuu akka adabbiitti fudhatameera. Kanumaan, Labsii xummura argate akka seeratti, gochaawwan dhorkamaniin namoonni shakkamanii too’ataman akka yakkaatti fi Mana Murtiitti dhiyaatanii murteen balleessummaa fi adabbiin irratti hin kennamne irratti bu’aan hordofsiisuu danda’u bilisaan gaggeeffamuu akka qaban qajeelfamni bu’uuraa seerota armaan olii ni mul’isa.

Labsiin Yeroo Ariifachiisaa yeroo hojii irra turetti seera ture. Yeroottis, namoonni Labsii Yeroo Ariifachiisaa cabsan jedhamanii too’ataman, Labsiin kun akka seeratti fudhatamee ittiin himatamanii adabaman ta’uu danda’a. Akkuma yeroo hojii irra ture seera turetti, yeroo xummura argatetti (forthwith) seerummaan isaa ni hafa. Namoota murtee balleessummaa argatanii fi raawwin adabbii xummura Labsii kanaan duratti irratti kenname itti fufuu fi dhiisun waan tokko. Namoonni kunneenuu bu’uura haqaa seera ifa hin taanen (principle of lenity ) furmaata qabu.

Furmaanni namoota shakkamanii hanga guyyaa Labsiin kun xummura argateetti himanni irratti hin banamne, murteen balleessummaa fi adabbii irratti hin kennamnee bu’aansaa ifa dha. Hanga Labsiin kun xummurametti, seerri cabe jedhamee caqafamu, kan namni ittiin himatamu, shakkamu hin jiru.

 

Hanga seerri hin jirretti, gochaan dhorkame (commission) yookin osoo hin godhamin hafe (omission) jedhamu hin jiru. Seera malee yakki hin jiru. Seera malee balleessan hin jiru. Seera malee adabbiin hin jiru. Hanga Labsiin namoonni cabsan, jedhame xummurametti sirni namoonni kunneen kun ittiin too’ataman addaan cituu qaba.

Waliigalatti, gochaan (either commision or omission) yakka jedhamu seeran hojii irra jiruun qofa nama gaafachiisa. Namni yakkaan kan shakkamu seerri cabse yoo jiraate dha. Namni kan himatamu seerri ittiin shakkame yoo jiraate dha. Namni kan adabamu seerri ittiin himatamu yoo jiraate dha. Iddoo seerrichi (specific law) hin jirretti yakki, shakkiin, himanni, balleessan fi adabbiin hin tilmaamamu. Namoonni kunneen, seeran ala, murtee Mana Murtii seeran dhaabbatee ala, murteee malee, dararamaa, dirqisiifamanii dhokfamuu, reebicha farra namummaa jala jiraachuu hin qaban. Kanaaf, namoonni yeroo Labsii Yeroo Ariifachiisaa, Labsicha cabsan, jedhamanii too’annaa jala oolanii fi murteen irratti hin kennamne osoo yeroon hin fudhatin bilisaan gadhiifamuu qabu. Gadhiifamuun namoota kanneenii ce’uumsa Yeroo Ariifachiisaa (transition of state of emergency) ni dhugoomsa.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here