Breaking News (SBO) Caamsaa 12/2017 Gidduugaleessa Oromiyaa dhoofame.

0
38

Breaking News (SBO) Caamsaa 12/2017 Gidduugaleessa Oromiyaa Godina Lixa Shaggar Aanaa Jalduu Magaalaa Goojjoo Keessaati Warraaqsii Biyyooleessa Oromiyaa Fincilli Xummura Gabrummaa FXGn Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo Mana Barumsaa Goojjoo sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaan dhoofame daran jabaachuun itti fufuun boodarra uummata Oromoo Jalduu Magaalaa Goojjoo kan hirmaachisee ta’uu maddeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo Gabaasan.
Goototni Qeerroon Dargaggootni fi barattootni Oromoo Warraaqsaa jabeessuun cinatti tarkaanfii waajjiraalee OPDO wayyaanee Magaalaa Goojjoo Keessatti argamuu Sadii ol barbadeessaan Keessatti waajjiraaleen OPDO Magaalaa Goojjoo fi Waajjirri BLTO kan basaastootni wayyaanee keessa buufachuun uummata hiraarsan kan barbadaa’an yoo ta’uu Gaaffiiwwaan bu’uura fi dhaadannoolee bulchiinsii gita bittuu wayyaanee OPDOn deebitee uummata Oromoo garboomsuun dhaabbachuu qaba, hidhamtootni Siyaasaa Oromoo hundii hiikkamuu qabu, waraannii koomaandii poostii Oromiyaa gadhiisuu qaba kan jedhuu fi hanga gaaffiin mirga abbaa biyyummaa Oromoof deebiin kennamutti warraaqsaarra hin dhaabbagnuu jechuun Warraaqsaa FXG Itti fufsiisan.
Warraaqsi Biyyaalessaa Oromiyaa FXGn akka Godina Lixa Shawaatti Ona Jalduutti geggeeffamaa jira.
Guyyaa keessaa Sa’aatii 6:00 irraa eegaluun Warraaqsaa kan dhoosaan Qeerroo dargaggootaa, barattootaa fi ummataanni Oromoo sochidaran jabeessuun ittii fufsiisuun waliin mootummaan wayyaznee OPDOn rifaatuu keessa seentee jirtu Waliin ta’uun yeroo ammaa kana wayyaaneen sochii kana dhaamsuuf waraanni wayyaanee konkolaataan 6 kallattii Finfinnee irraa itti socho’aa akka jirus ibsameera. Gabaasaa guutuun walitti deebina.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here