health

Amaloota addaa Albart Anistaayin irraa maal barannaa

Albeert Instaayin yeroo barsiissuImage copyrightGETTY IMAGES

Namoota sammuu qaroo bu’aa olaanoo argamsiisan keessaa, qaroomina sammuu guddaa kan qabu fi amaloota adda qabuun kan beekamu tokko Albart Anistaayiin dha.

Amaloota nama kanaa baruun sammuu keenya akkamiin qaruu akka dandeenyu hubannaa nuuf kennaa laata?

Anistaayiin akkamitti anniisaa atoomii keessaa cuunfuu akka dandeenyu nu barsiiseera. Tarii namni kun samuu xiqqoo qabnu kana keessaa akkamitti waan bu’aa fidu tokko yookan lama baasuu akka dandeenyu nu barsiisu danda’a ta’a. Kanaaf ammoo haala rafiitii, nyaataa fi filannoo uffannaa isaa beekuun nu gargaaruu malaa.

Hirriba sa’aatii 10 fi sillimii sakoondii tokko

Rafuun sammuu namaaf gaarii ta’uu isaa hundumti keenyayyuu ni beekna. Anistaayiin guyyaatti yoo xiqqaate sa’aatii 10’nif rafuun namoota hedduu caalaatti gorsa fayyaa kana hojii irra nama oolche dha.

Seenaa dhala namaa keessatti kalaqaalee Albart Anistaayin jijjiirama gurguddoo fidan kan akka Gabatee Pereedikii, caasaa DNA fi yaad-rimee Ispeeshaal rileetiivitii (Special relativity theory) yoo fudhanne, hundi isaanii iyyu kan argaman yeroo namnni kun rafu ta’uun isaa beekameera.

Kesaattu dhuma irra kan jiru kan yaad-rimee abjuu keessaa loon elektrikiidhaan yeroo ajjefaman arge ture. Haa ta’u male kun dhugaa ta’u ni danda’aa laata?

Suuraa abba warraa fi haadha warraa rafaa jiraniiImage copyrightGETTY IMAGES
Goodayyaa suuraaAlbart Anistaayin yoo xiqqaate guyyaatti sa’a 10’f rafa ture

Bara 2004 keessa, hayyoonni saayinsii kan Yuniversitii Luubeek biyya Jarmanii yaada kana qorachuun, namoonni sirriitti rafan namoota rafiitii gaha hin arganne harka lama caalaa yaada gurguddaa burqisiisuu akka danda’an eeraniiru.

Iccitii biroo hirribni qabu

Yeroo rafnu sammuun keenya turtii daqiiqaa 90 hanga 120 keessatti hirriba salphaa, hirriba cimaa fi hirriba abjuu afaan saayinsiin ‘Rapid Eye Movement/REM/’ jedhamu gidduu jijjiirama. REM kun dandeetti waa baruu fi yaadachuu sammuutiif gumaacha guddaa qaba jedhamee yaadama.

Wayita hirriba REM hin taane rafnu sammuun sochii baay’ee ariifata Ispiindil Iventis (spindle events) jedhamu keessa seena. Sochiin sammuu kun qarooma sammuu kan rakkolee furuu nama dandeessisu, waan haaraa ta’e tokko bira gahuuf yaada qajeelaa akka qabaannu nu gargaaruu fi waan tokko dafnee akka barru nu taasisa.

Waan akkana kana Anistaayin baay’ee akka qabu beekama dha.

Ispiindil Ivantiin tokko umurii sakondii murasaa kan qabu yoo ta’u rafiitiin halkan tokkoa sochiiwwan akkanaa kumaatamaan lakkaa’aman of qaba.

Kana jechuun hammuma sa’aatii dheeraaf rafnu sammuun sochii Ispiindil Ivantis kana hedduu raawwata jechuu dha.

Kun garuu namoonni Ispindil Ivantii baay’ee qaban hundi qarooma sammuu guddaa qabu jechu miti. Dubbichi dubbii lukkuu fi killeeti.

Waan Ispiindil ivantii baay’ee qabaataniif qaroomu ammoo waan qaroomaniif Ispiindil ivantii baay’ee qabaatu adda hin baane.

Grey line

Kun qarooma sammuu gosa biraa kan akka dandeetti waa yaadachuu, herreegaa fi odeeffanno addaa addaa beekuu waliin hidhata hin qabu.

Kun kallattiidhaan kan inni irratti xiyyeeffatu dandeetti waa tokko qajeeltoon xiinxaluu irratti qofa jedha Foogel, Yuunivarsiitii Otaawaatti ogeessa niiwuroosaayinsii kan ta’e.

Kunis ilaalcha Anistaayin barnoota idileef qabu fi gorsa inni namaaf kennu waliin baay’ee wal simata.

Gorsi Anistaayin kunis ‘waan deebitee dubbiftee hubachuu dandeessu sammuutti qabachuuf of hin dhiphisiin’ kan jedhuudha.

Qaroomni sammuu kallattiin Ispiindil Ivantiin wal haa qabatu malee, dubartootaaf rafiitiin halkanii, dhiirotaaf ammoo sillimiin guyyaa sammuun akka gabbatu gumaacha akka qabus qorannoon tokko mul’iseera.

Anistaayin ammoo dhaabataan sekondii tokkoof qofa sillimii fudhachuu jaallata. Kanaafis fal’aana sibiilaa harka isaatti qabatee barcuma isaarra gar tokkotti hirkatee taa’a.

Kallatti harkasaa fal’aana qabatee jiruun lafa irra shaanii sibiila kaa’uun yeroo inni sillim jedhee fallanni shaanii irratti kufu, sagalee uumamuun akka damaquu danda’uuf jecha.Amaloota addaa Albart Anistaayin irraa maal barannaa

Albeert Instaayin miilla dheerefachuuf yeroo hiriyaa isaa wojjin deemuImage copyrightGETTY IMAGES
Goodayyaa suuraaDeemsi miila dheereffannaa sammuu ni qaroomsa, qajeeltootti akka yaadnus nu godhaa, jedha Anistaayin

Deemsa miilaa guyya guyyaa gochuu

Anistaayiniif deemsi waan barbaachisaa fi hafuu hin qabnee dha. Yeroo Yuunivarsiitii Niwu Jeersii ture dhaqaa galatti maayilii tokkoof walakkaa guyya guyyaan deema ture.

Kana gochuun namoota akka Daarwiin kan yeroo hundumaa utuu hin nuffiin guyyaa guyyaan daqiiqaa 45 ala 3 deeman hordoofusaati.

Kanas kan godhaniif, fayyaa isaanitiif yookan jabina qaamaaf jedhanii hin turre. Deemsi miila diriirfannaa dandeettii waa yaadachuu, waa uumuu keessa namaatti waan gabbisuu fi namoota rakkoo furuuf dandeettii qaban waan taasisuuf ture.

Paastaa yookin Ispaageetti nyaachuu

Namoonni qaroon maal nyaatu? Sammuu namaa haalaan gabbisa jedhamee nyaati himamu yoo hin jiraanneyyuu, sammuu ajaa’ibsiisaa kan Anistaayin kan akkas godhe paastaa nyaachuu dha jedhama. Anistaayin yeroo tokko akka qoosaatti, waa’ee Italii wantan jaaladhu yoo jiraate ‘Ispaageetii fi hayyuu herregaa Leevii-Siviitaa jedhamu jechuun dubateera. Nutis egaa kanuma fudhanna jechuudha.

Sammuun namaa qaama namaa guutuu keessaa dhibbeentaa 2 qofa yeroo ta’u, nyaata humnaa kennu kaalorii qaamni namaa fayyadamu keessaa hanga dhibbeenta 20 fudhachuun immoo tokkoffaa ta’uunsaa beekamaa dha. Ulfinni sammuu namaa giddugaleessaan giraamii 1,400 yeroo ta’u kan Anistaayin garuu giraamii 1,230 qofa.

“Nyaati shukkaara yookan kaarboohayidireetii of keessaa qabu sammuu ni gabbisa. Kaarboohayidireetii hanga giraamii 25tti argachuun qaamni keenya sirriitti akka hojjatu kan gargaaru yeroo ta’u, yoo kun dachaa ta’e garuu dandeettii yaaduu sammuu nama ni hir’isa” jedha Leey Giibsoon, Yuunivarsiitii Rohamptoonitti, barsiisaa qor-sammuu kan ta’e.

Albeert Insistaayin yeroo tamboo hujjummodhaan xuuxuImage copyrightSPL
Goodayyaa suuraaAlbeert Insistaayin tanboo aarsuun fayyaa isaaf gaarii akka hintaane hinbeeku ture

Gaayyaa xuuxuu

Albart Anistaayin nama tamboo xuuxuudhaan baay’ee bekamuu dha. Balaa tamboo aarsuun fayyaa nama irratti fidu heddumminaan yeroo bekameetti, waan namni kun amaleeffate hordofuun waan gorfamu miti. Tamboo aarsuu kan jaalatu Anistaayin ‘sabrii sammuu namaaf kennuun, namni murtee loogii hin qabne akka murteessu gargaara’ jechuun ilaalcha qabu dubbateera.

Bara 1940-1962tti, hanga Anistaayin du’ee waggaa torba ta’uutti, tamboon kaansarii sombaa waliin hidhata akka qabuu ifatti hin beekamne ture.

Yeroo ammaa kanatti garuu kun iccitii miti. Tamboo aarsuun seeliin sammuu akka hin oomishamne godha, kuufama selebraal koorteeks jedhamuu kan dandeetti yaaduu sammuu keenyaa to’atuu haphisa, akkasumas sammuun keenya qilleensa qulqulluu ykn oksijiinii akka dheebotu godha. Kanaafu Anistaayin sammuu qaroo qabaachuun isaa sababa xuuxuufi jechuun hin danda’amu.

Suuraa Instaayin shurraaba millaa maleeImage copyrightGETTY IMAGES
Goodayyaa suuraaQubi abbudduukoo kaalsii kutee waan na rakkiseef keewwachuu jibbee hafe.

Kaalsii keewwachuu dhiisuu

Barmaata Anistaayiniin adda isa taasisu yeroo tarreefamu, jibba inni kaalsiif qabu utuu hin xuqiin darbuun hin danda’amu. Xalayaa durbii isaaf boodammoo haadha manaa isaa Elsaaf barresse keessatti, “ijoollumaatti kaalsii gaafan keewwadhu yeroo hundumaa qubni abbudduu kalsii kutee keessa ol baheen arga. Kanaafan keewwachuu dhaabee” jedheera.

Kaalsii keewwachuu dhiisuun Anistaayin, jijjiirama jireenya isaa irratti fide qorannoon mirkaneessu hin jiru, haa ta’u malee amalli wayyaa kittii uffachuu caalaa wayya lafoo filachuu yeroo qoratamu, rakkina xiinxaluu dadhabuu sammuu wajjiin hidhata qaba jedhame amanama.

Kanas hambisuuf Anistaayin yeroo gorsa kennu ‘wantii guddaan yeroo hundumaa gaafachuu dhaabuu dhiisuu dha jedha. Waa baruuf carraaquun jiraachuuf sababa gahaadha’ jechuun barruu Laayif jedhamutti himeera.

Kana gochuu dadhabuun, akka ati waan biraa shaakaltu si godha. Maaltu beeka innis hojjechu ni mala ta’as jedheera.

Facebooktwittergoogle_plusredditpinterestlinkedinmailby feather
Facebooktwitterlinkedinrssyoutubeby feather

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

*