74 F
Saint Paul, US
Wednesday, August 23, 2017
Home OPINION ABO’n kaleessas jabaadha, har’as jabaadha.

ABO’n kaleessas jabaadha, har’as jabaadha.

0
685
No automatic alt text available.

 

ABO’n kaleessas jabaadha, har’as jabaadha.
================
Barreessaan Caalaa Hayiluu Abaataa
Jaarmiyaaleen adda baasaa bilisummaa baroota hedduu qabsoorra turanii kaan isaanii milkaahanii yoo saba isaanii bilisoomsan, kaan isaanii immoo kan badan xiqqaa miti. Haalli jijjiirama siyaasa adunyaa ( Post Cold War 1990, When the politics tendes to ward identity politics), Jaarmiyaaleen biyyoota hedduu maqaa adda addaa irratti afaarsuun murnoonni aangoo of harkaa qaban injifannoo siyaasa warra mirgaa; Ameerikaatiin cafaqamanii kan dhabaman hedduu dha. HAR’A HEDDUUN ISAANII SEENAA MALEE ISAAN HIN JIRAN! ABO’n garuu abdii bilisummaa fi egeree saba keenyaa waan taheef jiraata dha.

Warri yeroo san carrooman, gaanfuma Afrikaa keessayyuu kan injifannoo Ameerikaa jala luucca’anii darban warra akka #EPLF fi #TPLF faan mirga argatanii yommuu injifatan, Jaarmiyaan keenya ABO’n sababoota hedduu dhaaf gufateera. sababoota turan yeroo adda addaatti yaada wal falmisiisaa haa kaasaniyyuu malee hooggantoonni barasii ibsaa waan turaniif amma ibsuu hin feesisu. ABO’n aangoo biyyoleessummaa Oromiyaa fi impaayera sanaa dhuunfachuu irraa gufatee tapha siyaasa yeroo sanaa keessaa moggeeffamu illee dhaabni keenya ABO’n haamileen kufee, abdii kutee mammaratee diina jala galee hin ciifne. Qabsoo irraayis duubatti hin deebine. Jaallan qaqqaalii itti wareegee dhaloota qaruufii oomishuutti seene, diina kokkee walqabaatii hanga yoonaa itti jira.WBO, beelaafi dheebuu damdamatae kaayyoo kaleessa hangafoonni keenya irratti kufan sanaaf hardhas qeerroon faajjii kaasee utuu deemaa jiruu xawalwaallonni danta dhuunfaf bololan laamshessuuf yaaluun isaanumaaf qaanii mataasaanii yoo tahe malee; ABO injifannoo sichi gonfaatuufi gonfachaa jirurraa taakkuu tokkollee duubatti hin deebisu.

Addi Bilisummaa Oromoo, utuu gantuun nu keessaa halkanii guyyaa burqaalee xixiqqoo waqxii gannaa burqanuu, gantoonni diinaf irbuu seenan dhaaba kana dhabsmsiisuuf akka rifeensa mataa namaa baayyatan bibbiqilanuu, utuu dhaaba kana dantaa addaatiin bitamanii keessaa caccabaafi diiggaaf irratti bobba’anuu, utuu hooggantoonni duraanii abdiin meeqa irrra utuu jiruu diinan bitamanii ykn abdii muratanii, diinatti galanii harka kennatanuu, utuu gantoonni hedduun maallaqa miliyoonota itti nyaatanii irratti hojjatanuu, utuu maqaa adda addaatiin keessaa yaa’anuu, ABO’n hardhas eyyeen jabaadha. Haala siyaasa ganafa Arfrikaa yommuu addunyaan ija ishee guutuu shorokoeessummaafi finxaalessumama irratti duuluuf wayyaanee faana hiriiranuu, utuu murni wayyaanee maallaqa biliyoonan ramaddee dhaaba kana xureessufi yakkuuf halkanii guyyaa irratti bobbaatee jirtuu, ABO’n hardhas jabaa dha. Eyyeen ayyaanA isaatuu dhaloota damboobsee,injifannoon gaha. Warri garuu gogaa hoolaa uffatanii, sabboontotaafi qabsaahota Oromoo fakkaatanii dhaaba keenya xiqqeessuuf deeman yoomillee hin milkaa’an!

Dhugaa jiru galtoonnifi fakkaattoonni akkasumas af-faajjeesitoonni dhaaba kana dhabamsiisuufi xiqqeessuf sududaafi lafa jalaan irratti hojjatan illee ”ABO’n abdii keenya! Abbaan biyyaa ABO dha. fi k.k.f” jechuun sabni Oromoo alaafi keessatti damboobsaa jira; sichis daran damboobuuf jira.
Dhaaba keenya isheen kaleessa hudduu diinaa jala gugguufaa turteefi diinaf hojjachaa turte hardhallee itti jirtuu fi warri xiqqeessu yoomillee diina innikaa, kanneen sammuyyaan isaanii sirna habashootaa sammuu keessaa of baasuu hin dandeenye dha. Kanneen biroo immoo gantoota saba keessaa baatee garaaf bultuudha. Kana malees warreen farra qabsoo Bilisummaa Oromoo ta’an akka waan ABO’n tasuma hin jirree fi du’ee keessa deebii akka hin qabnetti dhabameera jettee xeebaa baatee, xoophiyummaa jarri habashootaa,”moderate oromo” jettuunin sammuyyaan ishee guutame sana tiksuuf waardiyaa dhaabbattee afaan Oromoo sabboonummaa kijibaan saba burjaajessitus, ABO’n yoomiyyuu hin dhabamu. ABO’n dhaaba keenya, abdii keenya; ABO’n manii bilisummaafi walabummaa lafa kaayatee qabsoo jalqabe sana gahuun waan ooluu miti.”Barri ni darba, taajjabni hin darbu.” ABO’n akka diinonni keenya kan keessafi alaa ololaafi shiraan dhabamsuuf duulan utuu hin taane dhugaa jaallan kaleessa qabsoo tana tinnisuuf dhiigan sararaniitu eega; isatu nu tiksas, nus waardiyaa dhaabbannee eegganna.

Kanneen saba burjaajeesuuf, uummataan waan biraa jechaanii dhaaba keenya ABO tti duulan yeroo gabaaba keessatti yommuu WBO’n diinaaarraa aanee bilisummaa fidu qaaniin waaroo salphinaa uffachuun ishii hin oolu. Xoophiyaan isaan lafa jalaan dahata dhaabbilee adda addaa godhatanii suphuufi tursiisuf deemanis daaraa taatii; Oromoon ni dambooba, oromiyaanis ni bilisoomti. Kanammoo addi keenyaa ABO’n maniin ni gaha!
Galatooma! Alas teenyaa pilaaneetii addaarraa, kaayyoo hangafoonni keenya kaleessaa lafa kaa’an fuunee maniin gahuun irbuu dhalootati. bakkayyuuttuu dirqama nurraa eegamu bahuuf qophii dha!
#OROMIYAA_SHALL_BE_FREE

========================================================

AMALAAF DALAGAAN GARBOONFATTOOTA HABASHAA AKKUMA HUURUU HARREE WAL FAKKAATA

MUUMMEE SEENAA   Oromoon Jaarraa 16ffaa dura gadaa jabaaf tokkumaa jabaa qabaataa akka ture, ragaaleen barreeffamaa danuun nii eeru.isumaa Asitti habashoonni jaarraa 17 keessa humna waraanaa Portugal of duuba hiriirsuun Oromoo lafasaa saamuuf kachachaltullee, jaarraa sana keessattuu Oromoon hoggantoota jabaa of keessaa filatee deggarsaaf meeshaa waraanaa gahaa tokko malee, ilmaan diqaalaa sanyii warra SEM kana of keessaa darbataa tureera. Oromoon gootummaaf sodaatamaa akka tures barreeffamoonni hedduun katabamanii jiran. Jaarraa 18ffaa fii 19ffaa keessa mootummoonni Oromoo hedduu sodaatamaa turan lama akka turan illee seenaan nii dubbata. Mootummoonni kanneen akka WARRA HIMANUUFI YEJJUU mootota Oromoo warra humna qabeessaaf diinaaf hinjilbeenfanne turan. Mootummoonni kunneen gootummaan isaanii akkaan akka dinqiisiifamu kan godhe, gamtaan diina isaan saamuu dhufetti bobbaa’anii loluu isaaniiti. Har’as gootummaan uummata keenya kaleessaa akka danbalee jiraatu shakkii hinqabnu.

 

Barroo kiyya har’aan, habashaaf hojii isaanii kaleessaaf har’aa isiniin gahuuf qophaa’ee akkan jiru dhaammannoo kiyya ta’uu hubadhaa. Mata duree kiyya, irra akkuman kaase amalaaf dalagaan garboonfattootaa akkuma huuruu harree wal fakkaata. Barruu kanaan gingilchee waa mara isii ibsuuf, yeroo natti fudhatullee seenaa kaleessaa hubannoo keessa galchuun keenya isa boriif akka daangaa ta’u waan godhuuf dirqameera. Seenaa habashaan uummata keenyarratti godhe barreessuuf sammuu namaa akka xuquf yeroof bakkis akka hingeenye marruu beekna.

 

  1. Tewodroos Fii Dalagaasaa

Teewodros II ykn Kaasaa Hayiluun bara 1855 irraa kaasee nugusa (mootii) habashaa tkn absiiniyaa ture. Innis sirna bulchiinsa isaan Gondorii fii dabra tabor irra qabaachuun  bulchaa ture. Yakkoonni addaan nama suukanneessan harka habashaan laatamuu kan jalqaban bara namtichi kun aangoo ofharkaa qabu akka ture beekamaadha. Teewoodroos uummata Oromoorratti nama garajabbuummaan duguuggaa raawwataa turedha. Saamicha lafa Oromoo keessatti nama yeroo jalqabaaf qooda fudhataa turedha. Kaasaan Oromoo waan jedhamtu lafa irraa balleessee habashaa lafa Oromoo kana qabachiisuu ture, kaayyoonsaa inni ijoon. Haa ta’u malee garboonfataa dunuunfatee itti deemaa ture kana Oromoon mormaa ture malee tole jedhee mataa gadi qabachaafii hinturre. Yakkoota kanaan ilmi diqaalaa kun Uummata Oromoo harkaa amantaaf aadaa siyyaasaa harkaa rukutee saamuun sagantaa jalqabaa baafate. Oromoon hanga jaarraa kanaatti gadaan akka bulaa ture gamanumaan ibsuun barbaada. Baruma aangoosaa kana, sagantaa Oromoo fixuuf Tewodros ykn Kaasaa Hayiluu baafate keessaa sagantaa “ Qiny Gizaat mastaafaafaat” ykn afaan Warra adiitiin “An expansion to colonise new territories” jedhu gara dhuma jaarraa 19ffaa keessa dursa uummata Walloo irratti xiyyeeffatuun Meeshaa waranaa kadhachuun lafa Oromoo kanneen akka Laastaa, Yejjuu, Booranaa Sayint, Dugda Gaalaa, Raayyaa Azeeboo, Raayyaa Qobboo, Konbolcha, Kamiseefii kkf lafa Oromoo ilmi Habashaa diqaaltichi Kaasaan gara Kaabaarraan Oromoorraa baroota sana keessa saamaa ture ta’uu ragaaleen seenaa nii hubachiisu. Lafootiin saamaman kunneen ammallee akka uummata Oromoorraa saamamanii jiran hubachuun nii barbaachisa. Adeemsa bara sanaa keessatti Teewodroos nugusa Ingilaada Viktoorii irraa gargaarsa meeshaa argachuun, lafa Oromoo walloo qabachuuf baroota 1960 keessa sochii taasiseen, uummanni Oromoo Walloon wal ijaaruun itti duulee ofirraa dhorkaa akka ture nii himama. Sagantaan jala demtotaaf ilmaan habashaa baafatanii socho’an yoo amantaaa Kiristaanaa fudhachuu dide ajjeesuuf saamuu, yoo afaan Amaaraa dhiisee afaan biraa dubbate arraba muruuf yakkoota suukanneessuu irraaan gahuun daangaa bal’ifachuu ka jettu akka ture ifaadha. Kana gaafan kaasuu sagantaan habashootaa wal fakkaataa akka ta’e akka uummanni keenya hubachuu qabuufi. Har’as lafa Oromoo saamuuf nama hinsaamamu jedhu ajjeesuuf gidirsuun numa jira.

Tewodros Ilma habashaa Oromoo irratti yakkoota hamaa raawwataa tureedha. Yaakka isaa kanaan ilmaan Oromoo danuun ardaaf qabeenya dhabaniiru. Qe’een Oromoo danuus saamameera. Ajjeessaa suukkanneessaa inni Oromoo irratti  godheen, Kitilaan ilmaan Oromoo biyyoon qorkee nyaateera. Ilma habashaa dhiiga Oromoo buusuutti boqotu kana kanneen faarsan jiraatanis, yakka isaa kaleessaan hambaan ilmaan kaleessa inni qaama saalaaf morma, harkaaf miilla muree abiddatti darbaa tureen ii kulkulfanna.

Tewodroos gara jabeessa yakkamaa sanyii namaa balleessaa turedha. Oromoo akka namaatti ilaalee kan hinbeekne yoo ta’u akkuma bineensaatti ilaalullee garaa laafeefii hinbeeku. Ilmaan Oromoof cunqurfamtoota kaawwan Kumaataamaan lakkaahaman ukkaanfamanii fannifamanii gaafa du’an nama gammadu ture. Sagantaawwaan isaa kiristaanummaa babal’isuuf sirna habashaa ijaaruu keessatti ilmaan Oromoo jaarsa jaartii, da’imaaf guddaa, dhiiraafii shamara Oromoo walitti qabee abiddaan gubee Qileetti nama darbataa ture ta’uu seenaan nii raga. Habashoonni har’a Tewdroosiin faarfatan kunneenis yakka hamaa abbaansaanii nurratti rawwataa ture raawwachuf abbaluu isaanii nii agarsiisa. Tewodros guyyaa tokko ilmaan Oromoo 400 walitti qabee hidhee nyaata dhorkatee beelaan adunyaa kanarraa dhabamsiisedha. Yakkoonni karaa ilmaan habashaa Nu Oromoo irratti dhaqabu har’allee akkuma sanatti jiraachuu eenyu duraa dhokataa miti. Karoora ilmaan diinaa keessaa inni guddaan Oromoo addunyaa kanarraa dhabamsiisanii bargaanfatanii jiraachuudha. Abbaltiin isaan walii laatan kunis waanuma kanaan wal fakkaata. Gara jabeessi habashaa Kaasaa Hayiluu ykn Tewodros Oromoota kumootan lakkaahaman danuu qaama saalaa isaaniifi morma muruun ajjeesaa waggoota 13 uummata Oromoorratti yakka raawwataa ture. Yeroo tokko qofa bara 1859 tti oromoota 1000 dhiira harkaafii miila muruu isaa ragaawwaan barreeffamaa danuun nii ibsu. Waan nama gaddisiisu bara aangoosaa Tewodros Oromoo nama ta’e kamiinuu, dhiira dubartii dargaggoof ijoollee mara ajjeesuun akka gootumaatti ilmaan habashaa lakkaahaa turuu isaaniti, har’as gootummaan isaan ittiin isa faarsaa jiran kun Oromoo ajjeesuun isaa akka waan gaarii ta’etti ilaalanii akka ta’e hubachuu nii dandeenya. Kanaafis dalagaa isaaniin  mirkaneessaa jiru.

 

Yakkoota kanaan akka milkaahu kan taasise keessaa wal dhabdee Warqituuf Mastaahot ta’uus nii dubbatama. Oromoo kaleessa utuu aangoof kachachalluu ilma halagaa mataarra of baasaa turreerra. Adeemsa kanaan har’as kan deemnu taanan egeree uummata keenyaa akka jaamsinu shakkii hinqabu. Waldhabdee Warqiituufii mastoohot akkaasuma Waldhabdee ilmaan isaanii kana keessatti wal dhabdeen Mohaammad Alii fii Abbaa Waatoo Tewodros Oromoo saamuuf ajjeesuuf akka isaaf aanjahu taasiseera. Akka lafti walloo hanga har’aa koloneeffatamtu taasisee jira. Eenyummaan uummata Oromoo Walloo keessa jiraatanii akka hunkutaahuuf kan gahee taphate tokkummaa dhabuu, Mohammad Alii Fii Abbaa Waatoo ta’uu ragaan danuun nii eera. Adeemsa wal dhabdee kanaa jijjiiruu keessatti qoodni Warqituu akkaan kan ilaalamudha. Warqituun wal dhabdeen sun akka uummata keenya bara sana qoorbaa’u danda’u hubachuun walitti dhufeenyi dhaabota siyyaasaa gidduutti akka uumamuuf dalaga jabaan akka barbaachsiu yaadaa turte jedha seenaan. Yaa ta’u adeemsa Warqituu sanaan Minilik Maqdallaa irraa akka gara Shawwaatti galu goote oduu jedhuunis, Tewodros ilma Warqituu Prince Hamde Alii Liiban Bara 1865 Ajjeesuun, du’aan addunyaa kanarraa dhabamsiise. Haaloo kanaa bahachuuf gargaarsa Mastaahot gooteen Warqituun Tewodroosiin ajjeesuu dandeessee jirti. Kanaanisa bar sana Mammaksotni afaan habashaan dubbatamaa turan maataansaa ragaadha, akkas jedhu waa’ee Lola madallaa irratti adeemsifameef “Ye maqdala tararaa, sahu haa barakatee, seetun aalwaqim wandi ansi sahu moote” makkaaksi habashaa barasii afaan oromoon hiika “ Lola maqadhaalaa irratti, dhiirri tokko du’uufii dubartiin ajjeefte sun du’uuf dhabuu ishee waan beeku akka hinqabne raagessa.  Har’a ilmaan keenya kitaabota barnootaa keessatti seenaa dogoggoraa kan barataa jiran ta’uu hubachuun nii barbaachisa. Akkaataan ittiin kitaabota seenaa kitaaba barnoota biyyattii keessati barachaa turretti, Tewodros  shugguxiin of ajjeese jechuun waan hinjirre bocanii seenaa bareechachuuf yaaluu isaanii hubanna. Dhugaan dubbii garuu, Tewodros intala gootittii Oromoo Warqituun gargaarsa obboleettishee Mastahotiin ajjaeefamuudha.

 

Osoo waan kun Oromoo irratti dalagamaa turuu beekanii kanneen Arcaatota isaanii kana leellisan Oromoo irratti yakka kana dabalataan dalaguuf hawwuu isaaniiti. Harki tEwodros ykn kaaasaa Hayiluu dhiiga ilmaan Oromoo kitillayyoon dhiqamaa turte, as ce’es aanga’aonni isaanii yaada sana nii morman utuu hintaane akkuma isaa sanatti duguuggaa uummata keenyaa fardeessanii itti fufan. Yaa ta’u malee Oromoo ajjeesuun sanyiin isaa akka cituuf kan ifaajan ta’an illee duguuggaa hamma kanarraa damdamatee yoona gahee jira.

 

Kutaa Itti aanu keessatti Yakkoota Mootota habashaa kaleessaa hafaniif yakka Wayyaanee har’aa wal cina qabeen isiniin dhaqqabsiisa. Turt

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

}